Weitere ähnliche Inhalte
Ähnlich wie Safuu jaalalaa (20)
Safuu jaalalaa
- 1. Torbaniin labsamee
gurra nama hundaatti dubbiinni himame
naanis na hin hanqatin natti hasaasamee
guyyaashee eeggadhe
beellama qabadhe
itti karoorfadhee
sagantaa baafadhe
muxxadhee eeggadhe
kunoo anaa dhufe beellamni anabdadhe
ammas dhumee hin dhufne hafa guyyaan tokko
jechaa ittuu caalaa ciibsadhe yaada koo
gara ciisaa deemee boqodhe kophaa koo
Eenyu ta‘aa kan akkamii ?
eessaa laataa gara kamii ?
na hin gaafatiin gaaffii akkasi
boruu argitaa gadi ciisi
jechaa takkaa of jabeessaa
yaadaan sammuu ifaajjisaa
yooon dadhabu itti dhiisa
haalli isaa akka abjuu kessaa
takka takka ol na kaasaa
waan hin jirreef jirus faarsaa
barii suuphii na dammaqsa
yaada koon dammaqee qaamaan gadi ciisaa
uumama isaan kaan gurra koon caqasa.
gara barii keessa sagalee dhageeysaa
uumaa isaa faarsa
inni akka qamalee fi weennii isa korrisaa
bineensonni martu warri tabba keessaa
warri fufurdaanis akki waraabessaa
warri onnee qabanis warri akka qeerransaa
waliinsaa hin beekamuu hunduu hinuma huursa
hunduu otuu iyyuu..
wal dhageettii malee laagaadhaa dhodhoyuu
lafti akka ifuu ta‘ee
guyyaa inni beellamaas kunoo har‘a ta‘ee
anis bakkan ciisuu qaamaan achii ol ka‘e
guyyaan isaa sanbata
sanbata isa xiqqaa hangafa dilbataa
- 2. kaanis guyyaa kana waan baay‘ee hojjeta
kaan in qayyabataa
kuun huccuu miiccataa
kuun immoo in boqotaa
kaanis in taphata
kan jaalallee qabu immoo harka ishee qabatee ―walk‖ wajjin nyaata
hojjaan of qixxeesse maddii ishee dhungataa
takka of irraa qabee takka ofitti hammataa
feetu kaaffe geessaa oyi bakke dhaabbataa
qubaan ija qabee hidhii irra dhungata
akkas otuu godhuu guyyaa dabarfata
baay‘ee nama dhiba wanti beellamame
waamicha abbaa qabutti ofumaan of waame
waa akka naaf ta‘innaa ofumaan tilmaame
osoo na hin laallatiin itti miseensome
ta‘ee osoo hin ta‘iin tasa freshome
bakka waamichichaatti ganamaan argame
yeroon achi ga‘u……..
kan gubbaaf dakanaa
kan gamaaf gamanaa
warri daarii irraa
warri asii nu biraa
kan saayinsii uumamaa
kan kotebee gamaa
warri akka doktaraa
waa akka injeneraa
hunduu hoomaan gelel gadi gigirrisee
kaan ofitti marxisee
kaan ofitti marxisee
safuu ija agartuu isa gaafas mirgise
bakki ga‘uu didee taa‘iif dhaabbiin guutee
dhiisaa waan baay‘inaa lafumatu hanqate
kaan teessoo barbaadaaf oliif gadi kaata
kaan deemuu sodaate hikatee dhaabbata
kaanis keessummeessuuf ijaan mimil‘ata
kuun sagantaa eegaluuf sagalee cirata
naan garuu ……….
dhayannaan onnee koo dachaan na dabalee
homaa dhabee jennaan aariin na waxalee
naaf eegaa nan dhufaa jedhee ol utaalee
gara warra teessoo dhabeetti ol imale
- 3. ijaan i ilaalee
ija jaalalaa tiin halaalatti haleelee
homaa ta‘uu didnaan ifirra garagale
aariin gad of cabsee
baallee ijaa ciibsee
muu yaa dhamaatee koo
maal qaba otoon dhiisee
dhufuun isaa natti hafee manuma koo ciisee
jedhaa yaaddoo caaluun yaada of macheessee
gaaffii tokko malee galuuf gadi qaxxise
QOPH–QOPH–sagaleen gurra koo na seenee
ol jedhee ilaalee amanuu hin dandeenye
uggum uumaa rabbii aka uumama ishee
tarkaanfannnaa miillaa akka dhaabbannaa ishee
kuula bareedinaa
waa mudhii qal‘inaa
qaqal‘ina qubaa
sarbaa karaa duubaa
diimina akka hudhaa
miidhagina jiidhaa
kun osoo hin dubbisiin miidhagiina alaa
kan yeroo dubbattuu immoo kana irra caala
ta‘a jedhaa gammmachuun machaa‘ee
lapheen na dhikkisaa akka wal baruu ta‘e
TUMSAA QEERROO——GIIFTII naan jedhanii
jechaa yeroo seeqxu akka waan qirqidanii
safuu ilkaan ishee a-addeenya isaanii
hidhiin gubbaaf jalaan ilkaanicha-
eegan waardiyyaa ta‘anii
dhiisaa hin himamu waa midhaga isaanii
kukkuulam sinboo kutaa gara nyaaraa
gubbaan funyaan ishee akka xiyya qaraa
silaa himee hin fixuu ka‘een irra tara
egaa akkuman wal bareen
harka ishee qabadhee
du‘ee badee rom‘aa ofitti hammadhe
teesso akka hin arganne irraa adda baafadhe
kookkaa dhaqnee teenyaa jedhee ishee gaafadhe
tole isheen naan jennaan naasuun biyyee nyaadhe
- 4. osoo ifirra hin tursin waa aara galfadhe
osoo gadi hin dhiisiin harka ishee qabadhee
gara teessoo kiyyaatti fuula naanneffadhe
karaanis milkaa‘ee tessso bira geenye
silaa wal jaallannaan maaltu nama hin geenye?
lama taanee dhaqnee tokkumarra teenye
warri abbaa waltajjii bakka qabatanii
waa amala isaanii oduu eegalanii
mataa gadi qabannaa
yaadannoo godhannaa
goota hin duune kana mee xiqqoo yaadannaa
jadhaa nutti odeessaa
du‘aa nutti faarsaa
xumuruu didanii
baaay‘ee nu aarsanii
kunniin waa dubbatee
koo fixadhe jedhaa ofii aara galfatee
nama isa isa biraa nutti dabarfate–
kan dubbatee hin kunne
kan sobee hin saalfanne
soba hamma dhagaa nutti daddarbataa
innis dabaree isaa nama biraaf laata
otuma odeessanii otuma sobanii
qajeelaa arrabsaa jal‘aammoo faarsaanii
warra nagaa qabus maqaa balleessanii
seenaa xiqqoo tokkos tulluu yaabsisanii
akka waa hin dubbanne yeroo koo fixanii
yeroon gaafa dhumtu gadi nu yaasani
dhugaadhayyuu hinseene yeroon gaafa dhumte
GIIFTIIn koos na qabdee lafaa ol na kaafte
sana booda xiqqoo ijaan na ilaaltee
yeroo kana egaa kan laphee na seente
silaa yeroon dhumtee…
waan mala naaf ta‘aa waan tokko maladhee
eessaa akka dhufte iddoo saa gaafadhe
waa akka life ‗s waa itti darbadhe
mara naasuun taatus erga waliin dubbadhe ,
lakkofsa bilbila irraatii fudhadhe
deemee galuuf jedhee karaan narkaa badee
nyaata llee dadhabee nama hundaan oodeee
- 5. maraataa fakkaadhee yaadi na badadee
dhukkuba hin beekkamneen dhoksaa kiyyatti aadee
homaa natti cimnaan bilbiluu barbaade
haalli ta‘uu baatus akkan sodaan yaade
GIIFTIInuu gaaf biraa bilbiluu jalqabde
jechoota mi‘aawaa dhikkisu ciccitee
humnaan harkaa bayu hidhif ilkaan dhiitee
haasaa naatoo qabu toora qaqqabsiistee
waan gaaf galmichaas waa na haasofsiiste
nagaa natti dhaamtee
toora gadi dhiifte
naguma haasa‘ee fixee deeme ciisee
akka aaruu ta‘ee silkii gama buse
yaadni natti dabalee
asiif achiin dhufaa bukkeen na ciqilee
intaluma kana argachuu baannaanii
jedhaa halkan guutuu natti hoo‘isanii
miidhagina qaamaa anuu argee dhiise natti kakaasanii
sansakkuma ishee fidanii dhaabanii
takkaa gad teessisaa takkaa ol dhaabanii
alii ak waan dallantuu alii kofalchiisaa
namuma as hin jirre na dura deemsisaa
dhiisaa hin dubbatamu kan isaan na godhanii
osoon akkas ta‘uu
lapheen wal dha‘uu
jaalalli na dhoowwee hudduun lafa ga‘uu
akka dhibe baraa qaama na huqqisee
laphee koo na hooqee sammuu na quncisee
jennaan fala tokko ka‘eemmoo murteesse
yaaa anaa
kun fala ta‘innaa?
amman dhibee kanaan addanatti aadu
otoo itti hin himiin yaada koon of waadu
…wayi asitti beellamee
…miti achuma deemee..
sin jaalladhe hin jedhuu karaa fedhe haa baduu
jedhee murteeffadhee
teessoo irraa ka‘ee gadi jilbeenfadhee
waaqa uumaa umamaa
hangafa hundumaaa
tokkichummaa rabbii
- 6. ati naaf kenni qalbii
karaa koo milkeessi
ija na jabeessi
uumaa koo kadhadhee
gara karraatti ba‘ee geejjiba qabadhe
waaqnis na milkeessee..
baay‘ee hin dhamaanee akkum achi ga‘ee anoo ishee argadhe
nagaa wal gaafannee
bakkuma dhaabannutti waa muraasa haasofnee
xiqqoo sursuroofnaan taa‘umsa filanne
nagayuma dhuftee ?
kiiloo jahaa kaatee ?
aduunisoo dhiyee galta moo ni bultee ?
gaaffiin akka kanaa danuu naaf dhiyaate .
anis itti yaadee
deebisaa barbaadee
waan deebisu dhabnaan
deebiin saa hammaannaan
yaada biraa kaasee
haasaa babal‘isee
waan san kaasuu dhiisee
nannoo deddeebisee
waan bareedina ishee waan muraasa faarse
maddii ishee haxaaweeharmaharmashee hooksee
haasaa kolfisiisuun ishee dadhabsiisee
booda adeemsa keessa jilbairra gad ciibse