SlideShare ist ein Scribd-Unternehmen logo
1 von 11
Downloaden Sie, um offline zu lesen
Mammaaksota Hubachuu
fi Hiikuu
Muhaammad Abdoo Leenjisoo’tiin
Yuunivarsiitii Haramaayaatti
B/saa Afaan Oromoo, Ogumaa fi Qunnamtii
Ebla, 2016
Kaayyoo barreeffama tana Mammaaksota yeroo itti fayyadamnu ergaa isaa akkamitti akka
hubachuu fi hiikachuu qabnuun wal qabatee qabxiilee tokko tokko yaadachiisuudha. Keessattuu,
yeroo ammaa yeroo itti fayyadamiinsa ogafaanii keessaahuu kan Mammaaksaa laafaa dhufe
kanatti, namoonni tokko tokko yoo mammaaksi itti mammaakame haalli ergaa isaa hubachuu
dhabuu kan mul’atuudha. Kana malees, haasaa taasisu keessatti mammaaksaa fi dubbii wal
qunnamsiisee itti fayyadamuu keessattis laafinni jiraachuu danda’a. Kanaaf, qabxiileen armaan
gaditti kaafamanis, rakkoolee kanneenii fi k.k.f keessatti akka yaada furmaataatti tajaajiluu
danda’u.
Yaa dubbistoota, hanqinni yookiin dogongorri barruu kana keessatti uumames yoo jiraate yaada
kennuu irraa of hin qusatinaa! Dubbisa gaarii! Imeelii: maammeeabdoo@gmail.com
2
Mammaaksota Hubachuu fi Hiikuu
Akka duudhaa hawaasa Oromootti, ergaan mammaaksa mammaakame kamuu nama/oota itti
mammaakameef dhiifama. Kan yeroo sanitti dhagahe hundinuu ergaasaa ofumaa hiikkata.
Hiikkaan mammaaksa kanaa isa kana/akkana jechuudha jedhamee waliifis hin ibsamu. Haa ta’u
malee, galuumsa keessatti erga mammaakaniin booda ‘Akka sanii …’ jedhanii haalli itti wal
akeekan, karaa irra itti wal kaahan ni mula’ta. Akkasumas; ‘Akka sanii maal jechuu feete?’
jedhanii wal gaafatuun yookiin mammaaksaan wal sukkuumanii waan jedhamuu barbaadame
sana kallattiinis waliif ibsuu baatan, ‘akkana/kana jechuun akkana jechuudha’ jechuu akka
danda’an itti wal taasisan ni mul’ata.
Fakkeenyaaf, haasaa namoota (Liibanii fi Lataa) armaan gadii keessatti ilaaluu dandeenya:
Liiban: Beekaan baar-gamattuu; wallaalaan of jalattuu. Of jalatti ….
Lataa: Maal of jalatti dhiisee wallaalaa ta’e yaa beekaa koo? (Aariin fuula walitti guuree)
Liiban: Ihii … Si qofaa miti, nu hunduu rakkoo guddaa qabna. “Gowwaan bishaan irra
dhaabatee dheebota.” jedhe Oromoon.
Lataa: Tokkoffaa wallaalaa … ihii… lama gowwaa (Jedhaa quba isaa laakkahe). Dhiira!
Hagana caalaa na haa dhooftuuf si bira hin taa’u. Gowwaa takkuma arrabsan
lammaffaa inninuu of arrabsa. Humna si waliin fookkaruun hin qabu. Nagahatti
mee… (Jedhee biraa deemuuf futtuq jedhee ol utaale).
Liiban: Lataa! Taa’i! (Sagalee olkaasee aariin itti dubbate, itti fufees) Keenna kanuma wal hin
dhageennu, afaanitti wal qabna, wal tuffanna, walitti hiiqnee waliin hin mari’annu
…. Sitti himu moo sitti hidhu?
Lataa! Yaa tiruu koo! Walii galan; alaa galan.” Jedha Oromoon yoo mammaaku.
Lataa: Akka sanii … (jedhee mataa sossoose)
Liiban: Alaa galuuf …
Lataa:Walii qaluurra; walii galuutu caala. Si’ii qalanii osoo na nyaachisanii.
Liiban: Duras akkanumaan lafarra burrifte malee osoo na dhageettee,
Kanaaf, mammaaksaa fi jechi hayyoota Oromoo kamuu kan xiinxalamuu fi hiikkamu yoomessa
galuumsa keessatti mammaakamu sana keessatti. Ergaasaa kan xiinxalee hiikkatus nama itti
mammaakame ta’ee; kan inni hiikkatus galuumsa mammaaksichaan wal qabsiiseeti. Sababni
isaas, kan mammaakus galuumsa sana keessatti dhimma irratti haasa’aaru sanaan wal qabsiisee
waan mammaakuuf.
3
Gama birootiin, mammaaksi kan jiraatu/mammaakamu yoo haasofni ykn dhimmi itti/keessatti
mammaakamu jiraate qofa. Kanumarraa ka’ee, Sahlu Kidaanee (2002:55) yaada akkana jedhu
kenna: “Only when there is speech-act, an issue, can mamaksa exist. … it is best understood as
a meta-speech; a speech form which comments on a speech-act.” Kunis, mammaaksi kan
mammaakamu yoo wanti namni jedhu (gochi dubbii), yoo dhimmi wahii jiraate qofa. Kana
malees, mammaaksi uunkaa dubbii ta’ee, kan gocha dubbiirratti yaada kennu tokkootti
hubatamuu qaba yaada jedhus ibsa.
Jabbiin bifa kormaati; Mammaaksi bifa dubbiiti.
Dabalataan, mammaaksa yeroo fi iddoma arginetti yookiin yaadannetti sadarkaa isaa malee hin
fayyadamnu. Yaadachuufuu yoomessaa fi dhimmi nuti mammaaksicha itti yaadannu
murteessaadha. Kanaaf, mammaaksi nuti mammaaknu yeroo fi iddoo jirru sanaan walqabataa?
Dhimma nuti yeroo fi iddoo kenname sanatti ibsuu, hubachiisuu, cimsuu, akeekkachiisu,
beeksisuu yookiin barsiisuu barbaanne sana akka nu barbaannetti bakkaan nuuf gahaa? Nuuf
mi’eessaa? gaaffilee jedhanii fi k.k.f nuuf deebisuu qaba.
Fakkeenyaaf, mammaaksa ‘Dubbiin mammaaksa hin qabnee fi midhaan sooqidda hin qabne hin
miidhagu/mi’aawu.’ jedhu keessatti, waa’ee mammaaksaa sooqiddaan wal qabsiifnee ilaaluu
dandeenya. Sooqiddi midhaaniif dhama ykn mi’aa gaarii kenna; ni mi’eessa. Kana malees,
faaydaalee biroo qabaachuu danda’a. Yoo yeroo itti godhamuu qabuun ala yookiin immoo,
hamma itti godhamuu qabuun ala yoo itti godhame midhaan sana dhangaggeessuu, nama
jibbisiisuu, akkasumas, miidhaalee biroos fiduu danda’a.
Kanaaf, faaydaa inni kennuu qabu qajeellotti irraa argachuuf, yeroo fi akkaataan nuti sooqidda
nyaatatti goonu murteessaadha. Erga midhaan nu bira gahee dhagaa lama yookiin sadii keessa
buusuu yookiin erga nyaannee fixneen booda akka nama qorsoo boqqollaa/garbuu boonaaf
nyaatuutti firii takkaa lama akka takiitti afaanitti of a’uunii miti. Dubartiin cimtuun, nyaata osoo
nama biraan hin gahiniin dura yeroo fi iddoo itti godhamutti hagam itti godhuu akka qabdu
shallagdee itti gooti. Erga itti gootee boodas haxumaan ganaa irra xaph gootee dhandhamtee
ilaalti. Ni mi’eesse moo ni dhangaggeesse? Bishaan bishaan moo midhaan midhaan jechisiise?
kan jedhuuf deebii argatti.
Kan mammaaksaas haaluma kana fakkaata. Mammaaksi sooqidda dubbiiti. Garuu, akka
sooqidda walitti tumamee hurraayee yeroo tokkotti mooqqaa, haxumaa ykn quba lamaan
dubbitti hin firfirfamu. Galuumsa mataasaatiin faaydaarra oola.
4
Kanaaf, mammaaksi ani namaaf dhiheessu ykn namatti mammaaku kun, waan ani
dhiheessu/dubbadhu ni mi’eessa moo ni dhangaggeessa? Ni ibsa moo ni dukkanneessa? Dubbii
fixa moo dubbii fida? Animmoo dubbii fixuu moo dubbii fiduu yookiin ibsachuu barbaade?
kanneen jedhan erga of gaafannee deebii barbaadamu arganneen booda mammaakna. Sababni
isaas, ibsi inni kennu karaa sirrii hin taaneen hojiirra ooluu fi wanti ibsamuu barbaadame akka
barbaadametti hubatamuu dhabuu danda’a. Kana yemmuu jennu, mammaaksa nuti mammaaknu
qofas osoo hin taane, kan nutti mammaakamee/mu hubachuu barbaannus yoo ta’e, haala kanaan
yoo ilaalle salphatti hubachuu dandeenya.
Gama birootiin, mammaaksa hubachuu keessatti sadarkaaleen gara garaa lama kan jiraniidha:
Sadarkaalee hiika kallattii fi dhokataa adda baafatanii hubachuuti.
Hiikni Kallattii mammaaksotaa, qindoomina uunkaa xiinqooqaa; caasaa alaa----tartiiba wahii
keessatti qindoomina jechootaa; miira walaloo kan inni dura bakka buufameef ta’ee kan osoo
baay’ee yaaduu hin barbaachisne ergaansaa hubatamuudha (Valiulytė, 2010; Norick, 1985).
Hiikni Dhokataan immoo, yeroo baay’ee dubbiiwwan qolaa, suuressaa fi miseensota ogumaa
biroo giddu gala godhatee kan darbuudha. Kanaaf, hiikni dhokataan mammaaksotaa sirritti kan
hubatamu irra deddeebi’anii dubbisuun ykn sirritti xiinxaluuni. Haa ta’u malee, galuumsa
yookiin yoomessa mammaaksichi hojiirra itti oole bu’uura godhatanii miseensota ogumaa
mammaaksichi fayyadame xiyyeeffannoon xiinxaluuni.
Kanuma irraa ka’uun, hayyootni hedduun, maalummaa isaa yoo ibsan, mammaaksi uumama
isaatiin dachaa ta’uusaa tuqanii dubbisuu akka qabnullee akeekkachiisu (Mangashaa Riqiituu,
1992; Norick, 1985). Akka fakkeenyaatti hiika mammaaksota armaan gadii:
Hoo’u! Eeboo abbaa keetii kaahi!
Yoo woraanuu hin dandeenye eeboo kee itti argisiisin.
Harmatu lama malee, aannan tokkichuma.
Dabeessatu lama bula.
Kufa irratti kufa; garri jalaa tortora.
Naachi Baaro keessaa fi Birbir keessaa bishaan jalaan wal quba qabu. jedhanii fi k.k.f
xiinxaluu dandeenya.
5
Haaluma kanaan, mammaaksota hubachuu fi salphatti yaadannee itti fayyadamuuf, keessattuu,
hiika dhokataa hubachuuf hiika dubbii/wwan qolaa hubachuun sadarkaa isa birooti. Sababni
isaas, yeedaloo ykn quphata sagalee fi dhawataa (Prosody) caalaa karaalee mammaaksi ittiin
yaadatamu, hubatamu ykn mammaaksa ta’uunsaa xiyyeeffannoo argatuun mammaaksichi dubbii
qolaa of keessaa qabaachuusaa fi galuumsi, hiika inni kennuun waan walqabatuuf (Garai, K., J.,
(2001). Kunimmoo, mammaaksi galuumsa irratti hundaa’uun hiika gara garaa akka kennu
taasisa. Kanaaf, mammaaksa keessatti miirri dubbiiwwan qolaa caasaa keessa isaa ta’ee, kan
yaadni qabatamatti jechootaan hin ibsamne; garuu, kan galuumsaan hubatamuudha.
Kana keessattis, akka hayyuun Garai (2001) jedhamu kun kaa’utti, galuumsa haalota irraa;
haalota hawaasummaa immoo haalota suuressaa irraa adda baasnee ilaaluu qabna. Haalotni
hawaasummaa galuumsa mammaaksonni hojiirra itti oolani. Galuumsa ibsuuf immoo, qabxiilee
akka umrii hirmaattotaa, walitti dhufeenya isaan gidduu jiru, waan dubbataan jechuu barbaade,
yeroo mammaaksichi hojiirra itti oolee fi k.k.f’niif xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaadha.
Faaallaa kanaatiin, Haalli immoo, haalota hawaasummaa fi suuressaa kan of keessatti hammatuu
fi walitti dhufeenya dubbiiwwan dachaa ta’e kan waliin hirmaataniidha.
i. Galuumsa
ii. Haala
a. Haala hawaasummaa
b. Haala suuressaa
Haalli suuressaa haala mammaaksicha mataasaatiin uumamuudha. Kanas Garai (2001: 632)
haala hawaasummaa waliin wal qabsiisee akka itti aanutti ibsa:
“The imaginary situation is the one built by the proverb itself, and the social situation
is the future/hypothetical/real-but-cancelable situation for which the proverb is
intended because of its deliberative nature.”
Gabaabumatti, hiika mammaaksa tokkoo, keessattuu, hiika dhokataa ta’e hubachuuf dubbiiwwan
qolaa hubachuun barbaachisaadha. Sababni isaas, miira mammaaksotaa dhokataa ta’eef murtii
kan kennu dubbiiwwan qolaati. Kunimmoo, galuumsa keessatti kan ta’uudha.
Mammaaksonni hedduun duudhaa afaaniitiin maddi isaanii kan tuqamuudha. Haalli kunimmoo,
mammaaksonni salphatti akka yaadatamaniif, hubatamanii fi dhalootaa gara dhalootaatti yoo
darban jijjiiramni guddaan akka irratti hin taasifamneef gargaara. Haa ta’u malee, salphatti
yaadatamuu fi hubatamuu mammaaksaa keessatti yeroo baay’ee gahee kan taphatu maloota
ogumaa (Rhetorical device--kanneen sagalee irratti hundaa’an) fi maloota seerluga irratti
hundaa’an kanneen mammaaksi fayyadamuudha. Isaan kunneenis:
6
i. Maloota sagalee irratti hundaa’an:
Maloota ogumaa keessaa kan yeroo baay’ee mammaaksota keessatti sagalee miidhagsuu fi
mammaaksonni salphatti akka yaadatamaniif yookiin hubatamaniif nu gargaaran: Yeedaloo
(Rhyme), Deddeebiinsa Sagaleewwan Dubbii, Suuressa fi walqixxummaadha (Russo, 1983).
a. Yeedaloo
Bo’oowwan walaloo keessatti yeroo jechi xumuraa kan bo’oo 1ffaa
fi 2ffaa
yookiin 3ffaa
sagalee/wwan xumuraan wal fakkaate yookiin walitti dhihaate yeedaloo qaba jenna.
Fakkeenyaaf, mammaaksota uunkaa walaloo (Mammaaksota Ogwalaloo) armaan gadii ilaaluu
dandeenya:
Qabanii itti hasaasanii;
Ari’anii biyyaa baasani.
Haasaa gara qabu;
Nama jala qabu.
 Raafuu fixee; Rafuu dide. Hamma namaa hin geettu;
Cabsaa namaa hin teettu.
b. Deddeebiinsa Sagaleewwan Dubbii
Deddeebiinsa Sagaleewwan dubbifamaa fi
Namni dhadhaa afaan kaa’an, dhagaa afaan nama kaaa’a.
Ni tola jennaan harree qalle; hin tolu jennaan harree ganne, ni tolaa immoo
fidaa jennaan dhaqnee dhabne.
Deddeebiinsa Sagaleewwan dubbachiiftuu
Kan manaa baalaa, alaa gaala.
Ijji dhugaa hin laalle, hin argitu.” jedhe ifaan ijaan.
Karaaf garaan addaan nama baasa.
Duutuun duruu duute, duutee maqaa of fuute.
Malaa malli jira, mucaa harmi jira.
c. Irra deddeebii jechoota yookiin gaaleewwan bu’uuraa
Gaafa dhalte duute, gaafa duute naafa baate.
Warri ofii dhiiga ilkaan keessaati; Tokko ni tufani; tokko ni liqimsu.
Tokko tokkoo qoricha.
Duutuun duruu duute, duutee maqaa fuute.
7
d. Suuressa
Abbaa oorruu jaldeessi keessaa baase.
Jaldeessi hin qotu hin bocu. Garuu, yeroo midhaan gahe oorruu dhaqee hanga nyaate erga
nyaateen booda, rifeensatti gugguduunfatee mukaan kora. Mammaaksa kana keessatti bineensi
kun (Jaldeessi) suuraa cunqursitootaa yookiin warra seera tokko malee humnaan qabeenya nama
irraa fudhataniiti. Cunqursaan cunqurfamtoota miidhe, lafaa buqqise jechuuf ta’a. Kanaaf, warri
osoo hin dalagin fedhii nama sanaa malee nama irraa fudhatanis jaldeessaan bakka buufamanii
mammaaksa k.k.f’niin suureffamuu danda’u.
e. Walqixxummaa
Damee ogumaa keessattuu, ogwalaloo keessatti miseensi bo’oowwan walaloo bu’aa bahii wal
qixa ta’an akka qabaatan gargaaru Dhawata (Rhythm) jedhama. Kanaan wal qabatee, miseensota
ogwalaloo keessaa kan sagalee irratti xiyyeeffatu walqixxummaadha. Walqixxummaan, yeroo
bo’oowwan aanguu/wwan (Stanza) walaloo keessa jiran walqixa dheeratani. Kana jechuun,
yeroon bo’oowwan aanguu walaloo tokko keessa jiran dubbisuuf nu barbaachisu walqixa
jechuudha (Muhaammad A. 2013:69).
Abbee nyaatu nyaadhu;
Abbee kaatu kaadhu.
Ani qeensa hin qabu, qubaanan hooqqadha;
Ani keessaa hin qabu, ijaanan doow’adha.
Gabaabumatti, malootni kunneen humna ogumaa adda ta’ee fi miidhagina addaa kennan
mammaaksotatti dabalu. Kanamalees, mammaaksotni akka ifa ta’an, miirawan, caalatti
yaadatamanii fi hiika cimaa qabaatan taasisu. Haa ta’u malee, hubannaa qabiyyee yookiin yaada
mammaaksaa ulfaataa taasisu (Valiulytė, 2010). Kanaaf, mammaaksota hubachuu fi hiikuu
keessatti maloota kanneen of eeggannoon dubbisuu fi gadi fageenyaan xiinxaluun
barbaachisaadha.
ii. Maloota Caasaa seerlugaa irratti hundaa’an:
Mammaaksonni hedduun sagalee osoo hin taane quphata irratti kan hundaa’aniidha. Kunis,
mammaaksonni maloota caasaa seerlugaa irratti hundaa’an aartummaa yookiin dandeettii kalaqa
addaa kan sagalee bu’ureeffate uumuu waan danda’aniif. Malootni caasaa seerlugaa irratti
hundaa’an kanneen salphatti yaadatamuu fi miidhagina mammaaksotaa keessatti gahee taphatan
immoo: Wal maddummaa (Parallelism), Gaaffilee ogumaa (Rhetorical question), Ajajaawwan
(Imperatives), Himoota Yoo-Booda (If-Then Sentences), Jettee (Quotations) fi k.k.f’ni.
8
a) Wal maddummaa:
Mammaaksa keessatti qaamolee himaa wal madaalan lama wal maddii/cinaa qabuun
gargaaramuun walmaddummaa jedhama (Miruka, 1994). Innis, gosoota gara garaa qaba:
 Walmaddummaa Walfakkeesiinsaa (Comparison Parallelisms):
Wal-fakkeenya yookaan tokkummaa wantootaa irratti kan xiyyeeffatu. Fkn’f:
Qorataan fira bara; qorqoraan dubbii bara.
Dubbii fi uleen harree, gabaabduu woyya.
Ergamnii fi ergaaramni nama ajjeesa.
Durbaa fi gindoon hin teettu.
Dubbii fi gororri abbumatti mi’aaya.
Karaa fi garaan addaan nama baasa.
Dabeessaa fi dullacha saree akka itti dhadhoolan hin gorsan.
 Walmaddummaa Wal faallesiinsaa (Contrasting Parallelisms):
Inni kun wantoota walmaddii qabus, garaagarummaa waan tokkoo irratti xiyyeeffata.
guutumaan guutuutti tokkoo isaanii irratti kan xiyyeeffannu, haala waa’ee dubbataa jirruu sana
irratti hundaa’uuni. Garuu, yeroo mammaaknu caasaa isaanii irraa osoo hin hanbisin hunda
isaanii wal faana itti fayyadamna. Fakkeenyaaf:
Dhagaa fi hinaaffaa waliin affeellaan, dhagaan bilchaatee; hinaaffaan dheedhii bahe.
Alagaa gaafa kolfaa; fira gaafa golfaa.
Muka jigu bira; muka dhibitu jira.
 Walmaddummaa qaxxaamuraa(Cross Paralleism):
Inni kun immoo, gaalee tokko keessatti jechi barbaachisaa ta’ee fi jalqaba mammaaksaa jiru
gama lammaffaatittis irra deebi’ee yoo dhufe mul’ata (Miruka, 1994). Fakkeenyaaf:
Ka guyyaan yuuse, halkan beekkachiise.
Isa duraa keessattis kan guyyaa yuuse Waraabessa. Kan halkan beekkachiises isuma.
 “Ka ulfaan hammana nyaatte, guyyaa deettu hammam nyaatta?” jedhe namichi
haadha manaa isaatiin.
Yeroo ulfaas kan hammas nyaate haadha manaati, gaafa deettus kan hanga nyaatame
sana ykn sanaa ol nyaatus isima.
9
 Walmaddummaa Gaaffii fi Deebii:
“Deegaaf maal dabalu?” jennaan(Waaqni), “Qeensaa fi Cittoo” jedhe deegaan.
“Leenci maal nyaata?” jennaan, “Liqeeffatee” jedhe. “Maal kanfala?” jennaan,
“Eennutu isa gaafata.” jedhe.
Hirribaan, “Abbaan kee eenyu?” jennaani, “Eessumni koo du’a.” jedhe.
“Abbaan kee eenyu?” jennaan, “Eessumni koo farda.” jette gaangeen.
Kanaaf, walmaddummaa gosa kamiittu mammaaksicha keessatti faaydaa irra oole jennee
hubachuun barbaachisaadha. Kana malees, qaamota walmaddummaaf dhihaatan keessaa kamtu
dursee dhufa, kamtu itti aana jennee hubachuu qabna (The Positive or Negative, The Reason or
The Imperative, The Topic or The Comment). Fakkeenyaaf, qaama ykn kutaa walmaddummaa
keessaa tokko ibsa mata duree yoo ta’e, kan biro immoo gocha isa duraa irratti hundaa’e ta’a.
Kanaaf, kamtu dursee akka dhufu hubachuun barbaachisaadha. Kana keessattis, walqabsiistotni
hojiirra oolan kanneen akkamii akka ta’an adda baafachuu qabna. Gama birootiin, mammaaksota
walmaddummaan ijaaraman keessaa kanneen walqabsiistotaan wal hin qabannes ni jiru. Yeroo
akkasii, walitti dhufeenyi qaamota/miseensota mammaaksichaas ifatti beekkama.
Walmaddummaa dabalatee, salphatti yaadatamuu fi miidhagina mammaaksotaaf maloota caasaa
seerlugaa irratti hundaa’an keessaa isaan biroo immoo:
b) Gaaffilee ogumaa(Rhetorical question-Oguma keessatti itti fayyadamiinsa afaaniin wal
qabata):
c) Ajajaawwan:
Ajaja Gaarii (Positive):
 Garaatti heexoo dhugu; ilkaan dhadhaa dibatu
 Garaa dhukkubutti nyaatanii, ija dhukkubutti boo’an.
Ajaja Yaraa/Negative (akkasumas Walmaddummaa)
 Guulaa hin bitin, jiilaa biti.
 Qeeqa hundumaa hin dhiibin/didin, eebballee hundaa hin fudhatin
 Namni Waaqni abaare, bona dhadhaa nagada; ganna ashaboo nagada.
 Ilmi abbaa dide; abaarsa hin didu.
10
Ajaja Sababaa:
 Harka cabsuu hin dandeenye, dhungadhu.
 Waa sadiif yaadi; wanti sadii ofiin dhufaa:
Jiraachuuf yaadi; Duuti ofiin dhufaa.
Gammachuuf yaadi; Gaddi ofiin dhufaa.
Duroomuuf yaadi; Hiyyummaan ofiin dhufaa.
 Quufan malee hin utaalan, utaalan malee hin caban.
d) Himoota Yoo-Booda:
Yoo bokkaan roobe; bakakkaan bu’a.
Cuuphatanii ilaalanii yoo mi’aa’e faffatatu.
Yoo abbaan iyyate; ollaan namaa dirmata.
Yoo garaan boo’e; imimmaan hin dhibu.
e) Jettee:
“Dubbiin aayyoo bubbulee naa gale.” jette intalti.
“Saawwi eegee waliin dallaa guuta.” jedhe namichi dinnichaa qola waliin nyaatee.
“Suuta adeemuu irra suksukuu; ijaajjuu irra quphanuu wayya.” jette sareen.
Walumaagalatti, mammaaksi gaariin/cimaan tokko maloota caasaa seerlugaa armaan olitti
ilaalle kanneen tokkoo ol of keessaa qabaachuu danda’a. Haaluma wal fakkaatuun, mammaaksa
tokko keessatti malootni sagalee irratti hundaa’an hedduun jiraachuu danda’u. Gama birootiin,
mammaaksonni maloota caasaa seerlugaa irratti hundaa’an qaban, yeroo baay’ee maloota
sagalee irratti hundaa’an kan hammatanii fi aartummaa/dandeettii kalaqa addaa kan sagalee
bu’ureeffate uumuu kan danda’aniidha. Kana ta’uunsaanii immoo, mammaaksonni karaa
salphaa ta’een hedduu akka yaadatamanii fi caalatti miidhagina gaarii akka qabaatan isaan
taasisa. Kanamalees, dhalootaa gara dhalootaatti yoo darban jijjiiramni guddaan akka irratti hin
taasifamneef gargaarsa guddaa kenna. Kanaaf, hubannaa yookiin itti fayyadamiinsa
mammaaksotaa keessatti isaan kanneen xiyyeeffannoo keessaa galchuun akka qabxii bu’uuraatti
kaafama.
11
Kitaabbilee maxxanfamuuf gulaallii irra jiraniidha.
Wabiilee
Boonsamoo Mi’eessoo (2005). Madaala Sammuu. Finfinnee, Ethiopia.
Garai, K., J., (2001). A Cognitive Rhetorical Approach to Basque Proverbs: Analogical
Mappings in Coordination. Thesis submitted to the Graduate School of the University of
Maryland, College Park in partial fulfillment of the requirements for the degree of MA
2001. (ASJU, XXXV-2, 2001, 573-652)
Mengesha Rikitu (1992). Oromo Oral Treasure for new Generation: Proverbs and Sayings of the
Oromo People with English Explanation. London, Top Print.
Miruka O., (1994). “Understanding Oral Literature”: Understanding and Teaching Proverbs.
Nairobi, Nairobi University Press. P.36-48
Muhaammad Abdoo (2013). Dur Hennaa Gadaa: Yaadrimeewwan Ogwalaloo fi Kuufama
Walaloowwanii. Dirre Dawaa, Khalef Printing Press PLC.
Norrick, N. R., (1985). How Proverbs Mean: Semantic Studies in English Proverbs. Amsterdam:
Mouton.
Russo, J., (1983). The Poetics of the Ancient Greek Proverb: Journal of Folklore Research 20, P.
121-130
Sahlu Kidane (2002). Borana Folktales: A Contextual Study. London: HAAN Publishing.
Valiulytė, S., (2010). Proverbs as a Reflection of Life and Thinking of English People. Šiauliai,
Šiauliai University, Faculty of Humanities Department Of English Philology, Bachelor
Thesis.
Hojiilee barreessaa barreeffama tanaatiin hojjataman keessaa:
Dur Hennaa Gadaa: Yaadrimeewwan Ogwalaloo fi Kuufama Walaloowwanii.
Dirre Dawaa, Khalef Printing Press PLC.
Qarqabaa
Eebba Oromoo

Weitere ähnliche Inhalte

Was ist angesagt?

4_5922384989193768142[1].pptx
4_5922384989193768142[1].pptx4_5922384989193768142[1].pptx
4_5922384989193768142[1].pptxMohammedAbdela7
 
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptx
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptxAdaamaa power point 2015 Efa (1).pptx
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptxJaafar47
 
Boqonnaa tokko
Boqonnaa tokkoBoqonnaa tokko
Boqonnaa tokkodinqicala
 
Leenjii Sooftiweerii Bulchiinsa Qabeenyaa Bara 2015 Bitootessa.pptx
Leenjii Sooftiweerii Bulchiinsa Qabeenyaa Bara 2015 Bitootessa.pptxLeenjii Sooftiweerii Bulchiinsa Qabeenyaa Bara 2015 Bitootessa.pptx
Leenjii Sooftiweerii Bulchiinsa Qabeenyaa Bara 2015 Bitootessa.pptxJaafar47
 
Байгалийн нөөц баялгийг зохистой ашиглах замаар тогтвортой хөгжлийг дэмжих нь
Байгалийн нөөц баялгийг зохистой ашиглах замаар тогтвортой хөгжлийг дэмжих ньБайгалийн нөөц баялгийг зохистой ашиглах замаар тогтвортой хөгжлийг дэмжих нь
Байгалийн нөөц баялгийг зохистой ашиглах замаар тогтвортой хөгжлийг дэмжих ньAnkhbileg Luvsan
 
Ati macaafa qulqulluu hubachuu ni dandeessaa
Ati macaafa qulqulluu hubachuu ni dandeessaaAti macaafa qulqulluu hubachuu ni dandeessaa
Ati macaafa qulqulluu hubachuu ni dandeessaaharamaya university
 
Barumsa Lallabaa 1ffaa.pdf
Barumsa Lallabaa 1ffaa.pdfBarumsa Lallabaa 1ffaa.pdf
Barumsa Lallabaa 1ffaa.pdfIbsaaNamee
 
Barumsa Sanbataa_Barnoota2ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barumsa Sanbataa_Barnoota2ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptxBarumsa Sanbataa_Barnoota2ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barumsa Sanbataa_Barnoota2ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptxTakele Dufera
 
ХҮҮХДИЙН ОРОЛЦООГ ДЭМЖИХ АРГА ЗҮЙ
ХҮҮХДИЙН ОРОЛЦООГ ДЭМЖИХ АРГА ЗҮЙ ХҮҮХДИЙН ОРОЛЦООГ ДЭМЖИХ АРГА ЗҮЙ
ХҮҮХДИЙН ОРОЛЦООГ ДЭМЖИХ АРГА ЗҮЙ Mr Nyak
 
Formaatii_walii_galtee.ppt
Formaatii_walii_galtee.pptFormaatii_walii_galtee.ppt
Formaatii_walii_galtee.pptJaafar47
 
Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...
Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...
Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...AmentiTeka1
 
(Daandii jijjiiramaa ).pdf
(Daandii jijjiiramaa ).pdf(Daandii jijjiiramaa ).pdf
(Daandii jijjiiramaa ).pdfHaroopost
 
Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Wixinee Qajeelfam...
Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Wixinee Qajeelfam...Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Wixinee Qajeelfam...
Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Wixinee Qajeelfam...Jaafar47
 
Hool uildverleliin tehnologi lekts 11
Hool uildverleliin tehnologi lekts 11Hool uildverleliin tehnologi lekts 11
Hool uildverleliin tehnologi lekts 11Lha Bolorerdene
 
Hubannoo Dhabamsiisa Meeshalee MHM - Copy.pptx
Hubannoo Dhabamsiisa Meeshalee MHM - Copy.pptxHubannoo Dhabamsiisa Meeshalee MHM - Copy.pptx
Hubannoo Dhabamsiisa Meeshalee MHM - Copy.pptxJaafar47
 
BSB - гадаад дотоод орчны судалгаа
BSB - гадаад дотоод орчны судалгааBSB - гадаад дотоод орчны судалгаа
BSB - гадаад дотоод орчны судалгааTemuulen Nyamdorj
 

Was ist angesagt? (20)

Barnoota dhuugaa Wangeelaa
Barnoota dhuugaa WangeelaaBarnoota dhuugaa Wangeelaa
Barnoota dhuugaa Wangeelaa
 
4_5922384989193768142[1].pptx
4_5922384989193768142[1].pptx4_5922384989193768142[1].pptx
4_5922384989193768142[1].pptx
 
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptx
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptxAdaamaa power point 2015 Efa (1).pptx
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptx
 
Boqonnaa tokko
Boqonnaa tokkoBoqonnaa tokko
Boqonnaa tokko
 
Jaalala yesus
Jaalala yesusJaalala yesus
Jaalala yesus
 
Haccp тогтолцоо
Haccp тогтолцооHaccp тогтолцоо
Haccp тогтолцоо
 
Leenjii Sooftiweerii Bulchiinsa Qabeenyaa Bara 2015 Bitootessa.pptx
Leenjii Sooftiweerii Bulchiinsa Qabeenyaa Bara 2015 Bitootessa.pptxLeenjii Sooftiweerii Bulchiinsa Qabeenyaa Bara 2015 Bitootessa.pptx
Leenjii Sooftiweerii Bulchiinsa Qabeenyaa Bara 2015 Bitootessa.pptx
 
Байгалийн нөөц баялгийг зохистой ашиглах замаар тогтвортой хөгжлийг дэмжих нь
Байгалийн нөөц баялгийг зохистой ашиглах замаар тогтвортой хөгжлийг дэмжих ньБайгалийн нөөц баялгийг зохистой ашиглах замаар тогтвортой хөгжлийг дэмжих нь
Байгалийн нөөц баялгийг зохистой ашиглах замаар тогтвортой хөгжлийг дэмжих нь
 
Burqaa gammachuu dhugaa
Burqaa gammachuu dhugaaBurqaa gammachuu dhugaa
Burqaa gammachuu dhugaa
 
Ati macaafa qulqulluu hubachuu ni dandeessaa
Ati macaafa qulqulluu hubachuu ni dandeessaaAti macaafa qulqulluu hubachuu ni dandeessaa
Ati macaafa qulqulluu hubachuu ni dandeessaa
 
Barumsa Lallabaa 1ffaa.pdf
Barumsa Lallabaa 1ffaa.pdfBarumsa Lallabaa 1ffaa.pdf
Barumsa Lallabaa 1ffaa.pdf
 
Barumsa Sanbataa_Barnoota2ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barumsa Sanbataa_Barnoota2ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptxBarumsa Sanbataa_Barnoota2ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barumsa Sanbataa_Barnoota2ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
 
ХҮҮХДИЙН ОРОЛЦООГ ДЭМЖИХ АРГА ЗҮЙ
ХҮҮХДИЙН ОРОЛЦООГ ДЭМЖИХ АРГА ЗҮЙ ХҮҮХДИЙН ОРОЛЦООГ ДЭМЖИХ АРГА ЗҮЙ
ХҮҮХДИЙН ОРОЛЦООГ ДЭМЖИХ АРГА ЗҮЙ
 
Formaatii_walii_galtee.ppt
Formaatii_walii_galtee.pptFormaatii_walii_galtee.ppt
Formaatii_walii_galtee.ppt
 
Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...
Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...
Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...
 
(Daandii jijjiiramaa ).pdf
(Daandii jijjiiramaa ).pdf(Daandii jijjiiramaa ).pdf
(Daandii jijjiiramaa ).pdf
 
Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Wixinee Qajeelfam...
Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Wixinee Qajeelfam...Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Wixinee Qajeelfam...
Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Wixinee Qajeelfam...
 
Hool uildverleliin tehnologi lekts 11
Hool uildverleliin tehnologi lekts 11Hool uildverleliin tehnologi lekts 11
Hool uildverleliin tehnologi lekts 11
 
Hubannoo Dhabamsiisa Meeshalee MHM - Copy.pptx
Hubannoo Dhabamsiisa Meeshalee MHM - Copy.pptxHubannoo Dhabamsiisa Meeshalee MHM - Copy.pptx
Hubannoo Dhabamsiisa Meeshalee MHM - Copy.pptx
 
BSB - гадаад дотоод орчны судалгаа
BSB - гадаад дотоод орчны судалгааBSB - гадаад дотоод орчны судалгаа
BSB - гадаад дотоод орчны судалгаа
 

Andere mochten auch

Andere mochten auch (13)

Megersa ppt 1.2
Megersa ppt 1.2Megersa ppt 1.2
Megersa ppt 1.2
 
Five New Records of Butterfly Species from Dhaka,
Five New Records of Butterfly Species from Dhaka,Five New Records of Butterfly Species from Dhaka,
Five New Records of Butterfly Species from Dhaka,
 
Designing a Rule Based Stemmer for Afaan Oromo Text
Designing a Rule Based Stemmer for Afaan Oromo TextDesigning a Rule Based Stemmer for Afaan Oromo Text
Designing a Rule Based Stemmer for Afaan Oromo Text
 
BORANA OROMO CALENDER
BORANA  OROMO CALENDERBORANA  OROMO CALENDER
BORANA OROMO CALENDER
 
Mimeo Overview_Torban Williams
Mimeo Overview_Torban WilliamsMimeo Overview_Torban Williams
Mimeo Overview_Torban Williams
 
التقريب لتفسير التحرير والتنوير لابن عاشور - الجزء الاول
التقريب لتفسير التحرير والتنوير لابن عاشور - الجزء الاولالتقريب لتفسير التحرير والتنوير لابن عاشور - الجزء الاول
التقريب لتفسير التحرير والتنوير لابن عاشور - الجزء الاول
 
20150510 Arup University Smart Cities - Final Essay - Afaan Naqvi
20150510 Arup University Smart Cities - Final Essay - Afaan Naqvi20150510 Arup University Smart Cities - Final Essay - Afaan Naqvi
20150510 Arup University Smart Cities - Final Essay - Afaan Naqvi
 
Handbook of the oromo language- 1990
Handbook of the oromo language- 1990Handbook of the oromo language- 1990
Handbook of the oromo language- 1990
 
Vol10 ot oromo
Vol10 ot oromoVol10 ot oromo
Vol10 ot oromo
 
Boqonnaa tokko
Boqonnaa tokkoBoqonnaa tokko
Boqonnaa tokko
 
ጋብቻ.doc
ጋብቻ.docጋብቻ.doc
ጋብቻ.doc
 
Du'aa'ii.pdf
Du'aa'ii.pdfDu'aa'ii.pdf
Du'aa'ii.pdf
 
መውሊድን በተመለከተ.pdf
መውሊድን በተመለከተ.pdfመውሊድን በተመለከተ.pdf
መውሊድን በተመለከተ.pdf
 

Ähnlich wie Mammaaksota hubachuu fi hiikuun

Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdfHiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdfDesalechali1
 
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdfKALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdfDesalechali1
 
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdfBAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdfDesalechali1
 
Beekeeping.pptx
Beekeeping.pptxBeekeeping.pptx
Beekeeping.pptxLammiiEdae
 
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdf
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdfHidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdf
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdfDesalechali1
 
Dhalootnii kun
Dhalootnii kunDhalootnii kun
Dhalootnii kunKula Jilo
 
Dhalootnii kun
Dhalootnii kunDhalootnii kun
Dhalootnii kunkula jilo
 
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)Bahar Abdi Dawid
 
Presentation on Disability
Presentation on DisabilityPresentation on Disability
Presentation on DisabilityDinkaYadeta1
 
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdfFayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdfgdirbabaa8
 
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.pptKenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.pptTeshomeFeye2
 
Karooro Daldalaa waldoota keenya hundaa ta
Karooro Daldalaa waldoota keenya hundaa taKarooro Daldalaa waldoota keenya hundaa ta
Karooro Daldalaa waldoota keenya hundaa taAbdisaGutema
 

Ähnlich wie Mammaaksota hubachuu fi hiikuun (20)

Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdfHiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
 
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdfQoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
 
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdfKALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdf
 
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdfBAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
 
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumnBarnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
 
Beekeeping.pptx
Beekeeping.pptxBeekeeping.pptx
Beekeeping.pptx
 
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdf
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdfHidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdf
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdf
 
Dhalootnii kun
Dhalootnii kunDhalootnii kun
Dhalootnii kun
 
Dhalootnii kun
Dhalootnii kunDhalootnii kun
Dhalootnii kun
 
Siqe
SiqeSiqe
Siqe
 
Oromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdf
Oromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdfOromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdf
Oromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdf
 
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumnBarnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
 
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
 
Presentation on Disability
Presentation on DisabilityPresentation on Disability
Presentation on Disability
 
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdfFayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
 
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.pptKenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
 
Oromo - Testament of Gad.pdf
Oromo - Testament of Gad.pdfOromo - Testament of Gad.pdf
Oromo - Testament of Gad.pdf
 
Oromo - Testament of Dan.pdf
Oromo  - Testament of Dan.pdfOromo  - Testament of Dan.pdf
Oromo - Testament of Dan.pdf
 
Oromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdf
Oromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdfOromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdf
Oromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdf
 
Karooro Daldalaa waldoota keenya hundaa ta
Karooro Daldalaa waldoota keenya hundaa taKarooro Daldalaa waldoota keenya hundaa ta
Karooro Daldalaa waldoota keenya hundaa ta
 

Mammaaksota hubachuu fi hiikuun

  • 1. Mammaaksota Hubachuu fi Hiikuu Muhaammad Abdoo Leenjisoo’tiin Yuunivarsiitii Haramaayaatti B/saa Afaan Oromoo, Ogumaa fi Qunnamtii Ebla, 2016 Kaayyoo barreeffama tana Mammaaksota yeroo itti fayyadamnu ergaa isaa akkamitti akka hubachuu fi hiikachuu qabnuun wal qabatee qabxiilee tokko tokko yaadachiisuudha. Keessattuu, yeroo ammaa yeroo itti fayyadamiinsa ogafaanii keessaahuu kan Mammaaksaa laafaa dhufe kanatti, namoonni tokko tokko yoo mammaaksi itti mammaakame haalli ergaa isaa hubachuu dhabuu kan mul’atuudha. Kana malees, haasaa taasisu keessatti mammaaksaa fi dubbii wal qunnamsiisee itti fayyadamuu keessattis laafinni jiraachuu danda’a. Kanaaf, qabxiileen armaan gaditti kaafamanis, rakkoolee kanneenii fi k.k.f keessatti akka yaada furmaataatti tajaajiluu danda’u. Yaa dubbistoota, hanqinni yookiin dogongorri barruu kana keessatti uumames yoo jiraate yaada kennuu irraa of hin qusatinaa! Dubbisa gaarii! Imeelii: maammeeabdoo@gmail.com
  • 2. 2 Mammaaksota Hubachuu fi Hiikuu Akka duudhaa hawaasa Oromootti, ergaan mammaaksa mammaakame kamuu nama/oota itti mammaakameef dhiifama. Kan yeroo sanitti dhagahe hundinuu ergaasaa ofumaa hiikkata. Hiikkaan mammaaksa kanaa isa kana/akkana jechuudha jedhamee waliifis hin ibsamu. Haa ta’u malee, galuumsa keessatti erga mammaakaniin booda ‘Akka sanii …’ jedhanii haalli itti wal akeekan, karaa irra itti wal kaahan ni mula’ta. Akkasumas; ‘Akka sanii maal jechuu feete?’ jedhanii wal gaafatuun yookiin mammaaksaan wal sukkuumanii waan jedhamuu barbaadame sana kallattiinis waliif ibsuu baatan, ‘akkana/kana jechuun akkana jechuudha’ jechuu akka danda’an itti wal taasisan ni mul’ata. Fakkeenyaaf, haasaa namoota (Liibanii fi Lataa) armaan gadii keessatti ilaaluu dandeenya: Liiban: Beekaan baar-gamattuu; wallaalaan of jalattuu. Of jalatti …. Lataa: Maal of jalatti dhiisee wallaalaa ta’e yaa beekaa koo? (Aariin fuula walitti guuree) Liiban: Ihii … Si qofaa miti, nu hunduu rakkoo guddaa qabna. “Gowwaan bishaan irra dhaabatee dheebota.” jedhe Oromoon. Lataa: Tokkoffaa wallaalaa … ihii… lama gowwaa (Jedhaa quba isaa laakkahe). Dhiira! Hagana caalaa na haa dhooftuuf si bira hin taa’u. Gowwaa takkuma arrabsan lammaffaa inninuu of arrabsa. Humna si waliin fookkaruun hin qabu. Nagahatti mee… (Jedhee biraa deemuuf futtuq jedhee ol utaale). Liiban: Lataa! Taa’i! (Sagalee olkaasee aariin itti dubbate, itti fufees) Keenna kanuma wal hin dhageennu, afaanitti wal qabna, wal tuffanna, walitti hiiqnee waliin hin mari’annu …. Sitti himu moo sitti hidhu? Lataa! Yaa tiruu koo! Walii galan; alaa galan.” Jedha Oromoon yoo mammaaku. Lataa: Akka sanii … (jedhee mataa sossoose) Liiban: Alaa galuuf … Lataa:Walii qaluurra; walii galuutu caala. Si’ii qalanii osoo na nyaachisanii. Liiban: Duras akkanumaan lafarra burrifte malee osoo na dhageettee, Kanaaf, mammaaksaa fi jechi hayyoota Oromoo kamuu kan xiinxalamuu fi hiikkamu yoomessa galuumsa keessatti mammaakamu sana keessatti. Ergaasaa kan xiinxalee hiikkatus nama itti mammaakame ta’ee; kan inni hiikkatus galuumsa mammaaksichaan wal qabsiiseeti. Sababni isaas, kan mammaakus galuumsa sana keessatti dhimma irratti haasa’aaru sanaan wal qabsiisee waan mammaakuuf.
  • 3. 3 Gama birootiin, mammaaksi kan jiraatu/mammaakamu yoo haasofni ykn dhimmi itti/keessatti mammaakamu jiraate qofa. Kanumarraa ka’ee, Sahlu Kidaanee (2002:55) yaada akkana jedhu kenna: “Only when there is speech-act, an issue, can mamaksa exist. … it is best understood as a meta-speech; a speech form which comments on a speech-act.” Kunis, mammaaksi kan mammaakamu yoo wanti namni jedhu (gochi dubbii), yoo dhimmi wahii jiraate qofa. Kana malees, mammaaksi uunkaa dubbii ta’ee, kan gocha dubbiirratti yaada kennu tokkootti hubatamuu qaba yaada jedhus ibsa. Jabbiin bifa kormaati; Mammaaksi bifa dubbiiti. Dabalataan, mammaaksa yeroo fi iddoma arginetti yookiin yaadannetti sadarkaa isaa malee hin fayyadamnu. Yaadachuufuu yoomessaa fi dhimmi nuti mammaaksicha itti yaadannu murteessaadha. Kanaaf, mammaaksi nuti mammaaknu yeroo fi iddoo jirru sanaan walqabataa? Dhimma nuti yeroo fi iddoo kenname sanatti ibsuu, hubachiisuu, cimsuu, akeekkachiisu, beeksisuu yookiin barsiisuu barbaanne sana akka nu barbaannetti bakkaan nuuf gahaa? Nuuf mi’eessaa? gaaffilee jedhanii fi k.k.f nuuf deebisuu qaba. Fakkeenyaaf, mammaaksa ‘Dubbiin mammaaksa hin qabnee fi midhaan sooqidda hin qabne hin miidhagu/mi’aawu.’ jedhu keessatti, waa’ee mammaaksaa sooqiddaan wal qabsiifnee ilaaluu dandeenya. Sooqiddi midhaaniif dhama ykn mi’aa gaarii kenna; ni mi’eessa. Kana malees, faaydaalee biroo qabaachuu danda’a. Yoo yeroo itti godhamuu qabuun ala yookiin immoo, hamma itti godhamuu qabuun ala yoo itti godhame midhaan sana dhangaggeessuu, nama jibbisiisuu, akkasumas, miidhaalee biroos fiduu danda’a. Kanaaf, faaydaa inni kennuu qabu qajeellotti irraa argachuuf, yeroo fi akkaataan nuti sooqidda nyaatatti goonu murteessaadha. Erga midhaan nu bira gahee dhagaa lama yookiin sadii keessa buusuu yookiin erga nyaannee fixneen booda akka nama qorsoo boqqollaa/garbuu boonaaf nyaatuutti firii takkaa lama akka takiitti afaanitti of a’uunii miti. Dubartiin cimtuun, nyaata osoo nama biraan hin gahiniin dura yeroo fi iddoo itti godhamutti hagam itti godhuu akka qabdu shallagdee itti gooti. Erga itti gootee boodas haxumaan ganaa irra xaph gootee dhandhamtee ilaalti. Ni mi’eesse moo ni dhangaggeesse? Bishaan bishaan moo midhaan midhaan jechisiise? kan jedhuuf deebii argatti. Kan mammaaksaas haaluma kana fakkaata. Mammaaksi sooqidda dubbiiti. Garuu, akka sooqidda walitti tumamee hurraayee yeroo tokkotti mooqqaa, haxumaa ykn quba lamaan dubbitti hin firfirfamu. Galuumsa mataasaatiin faaydaarra oola.
  • 4. 4 Kanaaf, mammaaksi ani namaaf dhiheessu ykn namatti mammaaku kun, waan ani dhiheessu/dubbadhu ni mi’eessa moo ni dhangaggeessa? Ni ibsa moo ni dukkanneessa? Dubbii fixa moo dubbii fida? Animmoo dubbii fixuu moo dubbii fiduu yookiin ibsachuu barbaade? kanneen jedhan erga of gaafannee deebii barbaadamu arganneen booda mammaakna. Sababni isaas, ibsi inni kennu karaa sirrii hin taaneen hojiirra ooluu fi wanti ibsamuu barbaadame akka barbaadametti hubatamuu dhabuu danda’a. Kana yemmuu jennu, mammaaksa nuti mammaaknu qofas osoo hin taane, kan nutti mammaakamee/mu hubachuu barbaannus yoo ta’e, haala kanaan yoo ilaalle salphatti hubachuu dandeenya. Gama birootiin, mammaaksa hubachuu keessatti sadarkaaleen gara garaa lama kan jiraniidha: Sadarkaalee hiika kallattii fi dhokataa adda baafatanii hubachuuti. Hiikni Kallattii mammaaksotaa, qindoomina uunkaa xiinqooqaa; caasaa alaa----tartiiba wahii keessatti qindoomina jechootaa; miira walaloo kan inni dura bakka buufameef ta’ee kan osoo baay’ee yaaduu hin barbaachisne ergaansaa hubatamuudha (Valiulytė, 2010; Norick, 1985). Hiikni Dhokataan immoo, yeroo baay’ee dubbiiwwan qolaa, suuressaa fi miseensota ogumaa biroo giddu gala godhatee kan darbuudha. Kanaaf, hiikni dhokataan mammaaksotaa sirritti kan hubatamu irra deddeebi’anii dubbisuun ykn sirritti xiinxaluuni. Haa ta’u malee, galuumsa yookiin yoomessa mammaaksichi hojiirra itti oole bu’uura godhatanii miseensota ogumaa mammaaksichi fayyadame xiyyeeffannoon xiinxaluuni. Kanuma irraa ka’uun, hayyootni hedduun, maalummaa isaa yoo ibsan, mammaaksi uumama isaatiin dachaa ta’uusaa tuqanii dubbisuu akka qabnullee akeekkachiisu (Mangashaa Riqiituu, 1992; Norick, 1985). Akka fakkeenyaatti hiika mammaaksota armaan gadii: Hoo’u! Eeboo abbaa keetii kaahi! Yoo woraanuu hin dandeenye eeboo kee itti argisiisin. Harmatu lama malee, aannan tokkichuma. Dabeessatu lama bula. Kufa irratti kufa; garri jalaa tortora. Naachi Baaro keessaa fi Birbir keessaa bishaan jalaan wal quba qabu. jedhanii fi k.k.f xiinxaluu dandeenya.
  • 5. 5 Haaluma kanaan, mammaaksota hubachuu fi salphatti yaadannee itti fayyadamuuf, keessattuu, hiika dhokataa hubachuuf hiika dubbii/wwan qolaa hubachuun sadarkaa isa birooti. Sababni isaas, yeedaloo ykn quphata sagalee fi dhawataa (Prosody) caalaa karaalee mammaaksi ittiin yaadatamu, hubatamu ykn mammaaksa ta’uunsaa xiyyeeffannoo argatuun mammaaksichi dubbii qolaa of keessaa qabaachuusaa fi galuumsi, hiika inni kennuun waan walqabatuuf (Garai, K., J., (2001). Kunimmoo, mammaaksi galuumsa irratti hundaa’uun hiika gara garaa akka kennu taasisa. Kanaaf, mammaaksa keessatti miirri dubbiiwwan qolaa caasaa keessa isaa ta’ee, kan yaadni qabatamatti jechootaan hin ibsamne; garuu, kan galuumsaan hubatamuudha. Kana keessattis, akka hayyuun Garai (2001) jedhamu kun kaa’utti, galuumsa haalota irraa; haalota hawaasummaa immoo haalota suuressaa irraa adda baasnee ilaaluu qabna. Haalotni hawaasummaa galuumsa mammaaksonni hojiirra itti oolani. Galuumsa ibsuuf immoo, qabxiilee akka umrii hirmaattotaa, walitti dhufeenya isaan gidduu jiru, waan dubbataan jechuu barbaade, yeroo mammaaksichi hojiirra itti oolee fi k.k.f’niif xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaadha. Faaallaa kanaatiin, Haalli immoo, haalota hawaasummaa fi suuressaa kan of keessatti hammatuu fi walitti dhufeenya dubbiiwwan dachaa ta’e kan waliin hirmaataniidha. i. Galuumsa ii. Haala a. Haala hawaasummaa b. Haala suuressaa Haalli suuressaa haala mammaaksicha mataasaatiin uumamuudha. Kanas Garai (2001: 632) haala hawaasummaa waliin wal qabsiisee akka itti aanutti ibsa: “The imaginary situation is the one built by the proverb itself, and the social situation is the future/hypothetical/real-but-cancelable situation for which the proverb is intended because of its deliberative nature.” Gabaabumatti, hiika mammaaksa tokkoo, keessattuu, hiika dhokataa ta’e hubachuuf dubbiiwwan qolaa hubachuun barbaachisaadha. Sababni isaas, miira mammaaksotaa dhokataa ta’eef murtii kan kennu dubbiiwwan qolaati. Kunimmoo, galuumsa keessatti kan ta’uudha. Mammaaksonni hedduun duudhaa afaaniitiin maddi isaanii kan tuqamuudha. Haalli kunimmoo, mammaaksonni salphatti akka yaadatamaniif, hubatamanii fi dhalootaa gara dhalootaatti yoo darban jijjiiramni guddaan akka irratti hin taasifamneef gargaara. Haa ta’u malee, salphatti yaadatamuu fi hubatamuu mammaaksaa keessatti yeroo baay’ee gahee kan taphatu maloota ogumaa (Rhetorical device--kanneen sagalee irratti hundaa’an) fi maloota seerluga irratti hundaa’an kanneen mammaaksi fayyadamuudha. Isaan kunneenis:
  • 6. 6 i. Maloota sagalee irratti hundaa’an: Maloota ogumaa keessaa kan yeroo baay’ee mammaaksota keessatti sagalee miidhagsuu fi mammaaksonni salphatti akka yaadatamaniif yookiin hubatamaniif nu gargaaran: Yeedaloo (Rhyme), Deddeebiinsa Sagaleewwan Dubbii, Suuressa fi walqixxummaadha (Russo, 1983). a. Yeedaloo Bo’oowwan walaloo keessatti yeroo jechi xumuraa kan bo’oo 1ffaa fi 2ffaa yookiin 3ffaa sagalee/wwan xumuraan wal fakkaate yookiin walitti dhihaate yeedaloo qaba jenna. Fakkeenyaaf, mammaaksota uunkaa walaloo (Mammaaksota Ogwalaloo) armaan gadii ilaaluu dandeenya: Qabanii itti hasaasanii; Ari’anii biyyaa baasani. Haasaa gara qabu; Nama jala qabu.  Raafuu fixee; Rafuu dide. Hamma namaa hin geettu; Cabsaa namaa hin teettu. b. Deddeebiinsa Sagaleewwan Dubbii Deddeebiinsa Sagaleewwan dubbifamaa fi Namni dhadhaa afaan kaa’an, dhagaa afaan nama kaaa’a. Ni tola jennaan harree qalle; hin tolu jennaan harree ganne, ni tolaa immoo fidaa jennaan dhaqnee dhabne. Deddeebiinsa Sagaleewwan dubbachiiftuu Kan manaa baalaa, alaa gaala. Ijji dhugaa hin laalle, hin argitu.” jedhe ifaan ijaan. Karaaf garaan addaan nama baasa. Duutuun duruu duute, duutee maqaa of fuute. Malaa malli jira, mucaa harmi jira. c. Irra deddeebii jechoota yookiin gaaleewwan bu’uuraa Gaafa dhalte duute, gaafa duute naafa baate. Warri ofii dhiiga ilkaan keessaati; Tokko ni tufani; tokko ni liqimsu. Tokko tokkoo qoricha. Duutuun duruu duute, duutee maqaa fuute.
  • 7. 7 d. Suuressa Abbaa oorruu jaldeessi keessaa baase. Jaldeessi hin qotu hin bocu. Garuu, yeroo midhaan gahe oorruu dhaqee hanga nyaate erga nyaateen booda, rifeensatti gugguduunfatee mukaan kora. Mammaaksa kana keessatti bineensi kun (Jaldeessi) suuraa cunqursitootaa yookiin warra seera tokko malee humnaan qabeenya nama irraa fudhataniiti. Cunqursaan cunqurfamtoota miidhe, lafaa buqqise jechuuf ta’a. Kanaaf, warri osoo hin dalagin fedhii nama sanaa malee nama irraa fudhatanis jaldeessaan bakka buufamanii mammaaksa k.k.f’niin suureffamuu danda’u. e. Walqixxummaa Damee ogumaa keessattuu, ogwalaloo keessatti miseensi bo’oowwan walaloo bu’aa bahii wal qixa ta’an akka qabaatan gargaaru Dhawata (Rhythm) jedhama. Kanaan wal qabatee, miseensota ogwalaloo keessaa kan sagalee irratti xiyyeeffatu walqixxummaadha. Walqixxummaan, yeroo bo’oowwan aanguu/wwan (Stanza) walaloo keessa jiran walqixa dheeratani. Kana jechuun, yeroon bo’oowwan aanguu walaloo tokko keessa jiran dubbisuuf nu barbaachisu walqixa jechuudha (Muhaammad A. 2013:69). Abbee nyaatu nyaadhu; Abbee kaatu kaadhu. Ani qeensa hin qabu, qubaanan hooqqadha; Ani keessaa hin qabu, ijaanan doow’adha. Gabaabumatti, malootni kunneen humna ogumaa adda ta’ee fi miidhagina addaa kennan mammaaksotatti dabalu. Kanamalees, mammaaksotni akka ifa ta’an, miirawan, caalatti yaadatamanii fi hiika cimaa qabaatan taasisu. Haa ta’u malee, hubannaa qabiyyee yookiin yaada mammaaksaa ulfaataa taasisu (Valiulytė, 2010). Kanaaf, mammaaksota hubachuu fi hiikuu keessatti maloota kanneen of eeggannoon dubbisuu fi gadi fageenyaan xiinxaluun barbaachisaadha. ii. Maloota Caasaa seerlugaa irratti hundaa’an: Mammaaksonni hedduun sagalee osoo hin taane quphata irratti kan hundaa’aniidha. Kunis, mammaaksonni maloota caasaa seerlugaa irratti hundaa’an aartummaa yookiin dandeettii kalaqa addaa kan sagalee bu’ureeffate uumuu waan danda’aniif. Malootni caasaa seerlugaa irratti hundaa’an kanneen salphatti yaadatamuu fi miidhagina mammaaksotaa keessatti gahee taphatan immoo: Wal maddummaa (Parallelism), Gaaffilee ogumaa (Rhetorical question), Ajajaawwan (Imperatives), Himoota Yoo-Booda (If-Then Sentences), Jettee (Quotations) fi k.k.f’ni.
  • 8. 8 a) Wal maddummaa: Mammaaksa keessatti qaamolee himaa wal madaalan lama wal maddii/cinaa qabuun gargaaramuun walmaddummaa jedhama (Miruka, 1994). Innis, gosoota gara garaa qaba:  Walmaddummaa Walfakkeesiinsaa (Comparison Parallelisms): Wal-fakkeenya yookaan tokkummaa wantootaa irratti kan xiyyeeffatu. Fkn’f: Qorataan fira bara; qorqoraan dubbii bara. Dubbii fi uleen harree, gabaabduu woyya. Ergamnii fi ergaaramni nama ajjeesa. Durbaa fi gindoon hin teettu. Dubbii fi gororri abbumatti mi’aaya. Karaa fi garaan addaan nama baasa. Dabeessaa fi dullacha saree akka itti dhadhoolan hin gorsan.  Walmaddummaa Wal faallesiinsaa (Contrasting Parallelisms): Inni kun wantoota walmaddii qabus, garaagarummaa waan tokkoo irratti xiyyeeffata. guutumaan guutuutti tokkoo isaanii irratti kan xiyyeeffannu, haala waa’ee dubbataa jirruu sana irratti hundaa’uuni. Garuu, yeroo mammaaknu caasaa isaanii irraa osoo hin hanbisin hunda isaanii wal faana itti fayyadamna. Fakkeenyaaf: Dhagaa fi hinaaffaa waliin affeellaan, dhagaan bilchaatee; hinaaffaan dheedhii bahe. Alagaa gaafa kolfaa; fira gaafa golfaa. Muka jigu bira; muka dhibitu jira.  Walmaddummaa qaxxaamuraa(Cross Paralleism): Inni kun immoo, gaalee tokko keessatti jechi barbaachisaa ta’ee fi jalqaba mammaaksaa jiru gama lammaffaatittis irra deebi’ee yoo dhufe mul’ata (Miruka, 1994). Fakkeenyaaf: Ka guyyaan yuuse, halkan beekkachiise. Isa duraa keessattis kan guyyaa yuuse Waraabessa. Kan halkan beekkachiises isuma.  “Ka ulfaan hammana nyaatte, guyyaa deettu hammam nyaatta?” jedhe namichi haadha manaa isaatiin. Yeroo ulfaas kan hammas nyaate haadha manaati, gaafa deettus kan hanga nyaatame sana ykn sanaa ol nyaatus isima.
  • 9. 9  Walmaddummaa Gaaffii fi Deebii: “Deegaaf maal dabalu?” jennaan(Waaqni), “Qeensaa fi Cittoo” jedhe deegaan. “Leenci maal nyaata?” jennaan, “Liqeeffatee” jedhe. “Maal kanfala?” jennaan, “Eennutu isa gaafata.” jedhe. Hirribaan, “Abbaan kee eenyu?” jennaani, “Eessumni koo du’a.” jedhe. “Abbaan kee eenyu?” jennaan, “Eessumni koo farda.” jette gaangeen. Kanaaf, walmaddummaa gosa kamiittu mammaaksicha keessatti faaydaa irra oole jennee hubachuun barbaachisaadha. Kana malees, qaamota walmaddummaaf dhihaatan keessaa kamtu dursee dhufa, kamtu itti aana jennee hubachuu qabna (The Positive or Negative, The Reason or The Imperative, The Topic or The Comment). Fakkeenyaaf, qaama ykn kutaa walmaddummaa keessaa tokko ibsa mata duree yoo ta’e, kan biro immoo gocha isa duraa irratti hundaa’e ta’a. Kanaaf, kamtu dursee akka dhufu hubachuun barbaachisaadha. Kana keessattis, walqabsiistotni hojiirra oolan kanneen akkamii akka ta’an adda baafachuu qabna. Gama birootiin, mammaaksota walmaddummaan ijaaraman keessaa kanneen walqabsiistotaan wal hin qabannes ni jiru. Yeroo akkasii, walitti dhufeenyi qaamota/miseensota mammaaksichaas ifatti beekkama. Walmaddummaa dabalatee, salphatti yaadatamuu fi miidhagina mammaaksotaaf maloota caasaa seerlugaa irratti hundaa’an keessaa isaan biroo immoo: b) Gaaffilee ogumaa(Rhetorical question-Oguma keessatti itti fayyadamiinsa afaaniin wal qabata): c) Ajajaawwan: Ajaja Gaarii (Positive):  Garaatti heexoo dhugu; ilkaan dhadhaa dibatu  Garaa dhukkubutti nyaatanii, ija dhukkubutti boo’an. Ajaja Yaraa/Negative (akkasumas Walmaddummaa)  Guulaa hin bitin, jiilaa biti.  Qeeqa hundumaa hin dhiibin/didin, eebballee hundaa hin fudhatin  Namni Waaqni abaare, bona dhadhaa nagada; ganna ashaboo nagada.  Ilmi abbaa dide; abaarsa hin didu.
  • 10. 10 Ajaja Sababaa:  Harka cabsuu hin dandeenye, dhungadhu.  Waa sadiif yaadi; wanti sadii ofiin dhufaa: Jiraachuuf yaadi; Duuti ofiin dhufaa. Gammachuuf yaadi; Gaddi ofiin dhufaa. Duroomuuf yaadi; Hiyyummaan ofiin dhufaa.  Quufan malee hin utaalan, utaalan malee hin caban. d) Himoota Yoo-Booda: Yoo bokkaan roobe; bakakkaan bu’a. Cuuphatanii ilaalanii yoo mi’aa’e faffatatu. Yoo abbaan iyyate; ollaan namaa dirmata. Yoo garaan boo’e; imimmaan hin dhibu. e) Jettee: “Dubbiin aayyoo bubbulee naa gale.” jette intalti. “Saawwi eegee waliin dallaa guuta.” jedhe namichi dinnichaa qola waliin nyaatee. “Suuta adeemuu irra suksukuu; ijaajjuu irra quphanuu wayya.” jette sareen. Walumaagalatti, mammaaksi gaariin/cimaan tokko maloota caasaa seerlugaa armaan olitti ilaalle kanneen tokkoo ol of keessaa qabaachuu danda’a. Haaluma wal fakkaatuun, mammaaksa tokko keessatti malootni sagalee irratti hundaa’an hedduun jiraachuu danda’u. Gama birootiin, mammaaksonni maloota caasaa seerlugaa irratti hundaa’an qaban, yeroo baay’ee maloota sagalee irratti hundaa’an kan hammatanii fi aartummaa/dandeettii kalaqa addaa kan sagalee bu’ureeffate uumuu kan danda’aniidha. Kana ta’uunsaanii immoo, mammaaksonni karaa salphaa ta’een hedduu akka yaadatamanii fi caalatti miidhagina gaarii akka qabaatan isaan taasisa. Kanamalees, dhalootaa gara dhalootaatti yoo darban jijjiiramni guddaan akka irratti hin taasifamneef gargaarsa guddaa kenna. Kanaaf, hubannaa yookiin itti fayyadamiinsa mammaaksotaa keessatti isaan kanneen xiyyeeffannoo keessaa galchuun akka qabxii bu’uuraatti kaafama.
  • 11. 11 Kitaabbilee maxxanfamuuf gulaallii irra jiraniidha. Wabiilee Boonsamoo Mi’eessoo (2005). Madaala Sammuu. Finfinnee, Ethiopia. Garai, K., J., (2001). A Cognitive Rhetorical Approach to Basque Proverbs: Analogical Mappings in Coordination. Thesis submitted to the Graduate School of the University of Maryland, College Park in partial fulfillment of the requirements for the degree of MA 2001. (ASJU, XXXV-2, 2001, 573-652) Mengesha Rikitu (1992). Oromo Oral Treasure for new Generation: Proverbs and Sayings of the Oromo People with English Explanation. London, Top Print. Miruka O., (1994). “Understanding Oral Literature”: Understanding and Teaching Proverbs. Nairobi, Nairobi University Press. P.36-48 Muhaammad Abdoo (2013). Dur Hennaa Gadaa: Yaadrimeewwan Ogwalaloo fi Kuufama Walaloowwanii. Dirre Dawaa, Khalef Printing Press PLC. Norrick, N. R., (1985). How Proverbs Mean: Semantic Studies in English Proverbs. Amsterdam: Mouton. Russo, J., (1983). The Poetics of the Ancient Greek Proverb: Journal of Folklore Research 20, P. 121-130 Sahlu Kidane (2002). Borana Folktales: A Contextual Study. London: HAAN Publishing. Valiulytė, S., (2010). Proverbs as a Reflection of Life and Thinking of English People. Šiauliai, Šiauliai University, Faculty of Humanities Department Of English Philology, Bachelor Thesis. Hojiilee barreessaa barreeffama tanaatiin hojjataman keessaa: Dur Hennaa Gadaa: Yaadrimeewwan Ogwalaloo fi Kuufama Walaloowwanii. Dirre Dawaa, Khalef Printing Press PLC. Qarqabaa Eebba Oromoo