Diese Präsentation wurde erfolgreich gemeldet.
Die SlideShare-Präsentation wird heruntergeladen. ×

4_5922384989193768140[1].pptx

Anzeige
Anzeige
Anzeige
Anzeige
Anzeige
Anzeige
Anzeige
Anzeige
Anzeige
Anzeige
Anzeige
Anzeige
Wird geladen in …3
×

Hier ansehen

1 von 55 Anzeige

Weitere Verwandte Inhalte

Ähnlich wie 4_5922384989193768140[1].pptx (20)

Anzeige

4_5922384989193768140[1].pptx

  1. 1. SEERA DHAALAA LHD Qopheessaan;- Tafarii H/Maariyaam ILOQHQSO, Adaamaa Ad.2012
  2. 2. Seensa  HMF fi HMNO kwt.40(1), mirgoota beekamtii fi eegumsi kennameef keessaa tokko mirga qabeenya horachuu fi qabeenya dhaalchisuu lammiileeti.  Namni tokko erga du’ee booda hayyama ofii isaatiin nama biraatti akkamitti akka darbu murteessuu waan hin dandeenyeef qabeenyi isaa bu’uura seera dhaalaatiin gara dhaaltota isaatti kan darbu ta’a.  SHH Kitaaba II Mata-duree 5ffaa boqonnaa 1ffaa kwt.826 irraa eegalee hanga boqonnaa 4ffaa kwt.1125tti ida’ama kwt.299 tumaalee SHH dhimma dhaalaa hooggananiidha.  Seerota biroo keessatti tumaaleen dhimma dhaalaa ilaallatan waan jiraniif isaan waliin haala bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuun barbaachisaadha.
  3. 3. Caaseffama moojulii kanaa  Boqonnaa 1ffaa;- sirni qabeenyi dhaalaa dhaalchisaa irraa dhaaltotatti darbu, gosoota dhaalaa, sadarkaa dhaaltotaa, gosoota dhaamoo.  Boqonnaa 2ffaa;-Aangoo QQDh,WRDh, sirna Bulchiinsa fi kaffaltii idaa QDh fi qabatama jiru.  Boqonnaa 3ffaa;- sirna qoodinsa qabeenyaa dhaalaa, sirna dhaalatti makuu (collation)  Boqonnaa 4. akaakuu darbiinsa yeroo irratti xiyyeeffata  Walumaagalatti boqonnaalee hunda jalatti dhimmoonni qabatamoo, hojimaata rakkoo hiikoo seeraa waliin qabsiisuun gaaffilee marii waliin haala xiinxalaaf maluun dhiyaataniiru.
  4. 4. Xumura leenjii kanaatti leenjifamtoonni:-  Haala qabeenyi dhaalaa(QDh) dhaaltotatti darbuu fi Sirna QQDh wal-qabatee rakkoowwaan hojimaata hiikoo seeraa adda baafachuun furmaata itti kennu.  sirna QDhtti deebisanii makuu, qooddii qabeenya dhaalaa fi darbiinsa yeroo dhimma dhaalaatiin wal-qabatee, hanqinaalee seeraa fi raawwii keessatti mul’atan adda baasuun kallattii fuulduraatiif furmaata ni kaa’u.
  5. 5. Boqonnaa 1 Dhaalmaa QDh’devolution of succession’ Xumura boqonaa kanaatti leenjifamtoonni:  Maalummaa QDh fi mala ittiin darbu,  Sadarkaa fi gahumsa dhaaltotaa fi akaakuu dhaamoo ilaalchisee seeraa fi rakkoo raawwii seeraa adda baasuudhaan kallattii furmaataa ni kaa’u. Dhaala jechuun:-  Adeemsa mirgaa fi dirqamni nama du’ee gara dhaaltotatti ittiin darbu  Adeemsa kunis dhaamoo malee fi dhaamoo jedhamuun beekamu.
  6. 6. Baniinsa Dhaalaa  Bakka teessoo muummee dhaalchisaa (principal residence) isa dhumaatti banama.  SHH kwt.826 fi (kwt.177(1),183,184,185) waliin dubbisuun dhaalli bakka dhaalchisaan jiruudhaaf filate ykn bakka jireenya hawaasummaa hundeeffate fi dhaabbataan filate(domicile)tti banamuu danda’a.  Murtii DHIMMWF jildii 11 galmee lak 65621 kanuma armaan olii cimsa.
  7. 7. Wantoota dhaalaan darbuu danda’an  Mirgaa fi dirqama sababa du’a dhaalchisaatiin hafaa ta’uu hindandeenye (SHH kwt.826(2).  Mirga fi dirqama diinagdee ykn qabeenya gosa adda addaa dhaalchisaa.  Haata’u malee:-  Inshuraansii lubbuu qaamni fayyadamaan dhaaltotaan alatti caqafame hin dabalatu.  kaffaltii beenyaa fi sooramaa sababa du’aatiin maxxantoota dhaalchisaatiif kaffalamu hin dabalatu (shh kwt.827-828), 1025,1026,2095(1).
  8. 8. Gahumsa Dhaaluu (Capacity to Succeed) shh kwt.830 1. Yeroo dhaalchisaan du’u lubbuun kan jiru ta’uu 2. Nama dhaalchisaa dhaaluu hin qabne ta’uu dhabuu (unworthy)  Haala addaatiin:  Daa’ima dhalatee sa’atii 48 ture ykn dhalatee sababa miidhaa qaama alaatiin yoo du’e dhalachuun dura hanga guyyoota 300 gidduutti akka lubbuun turetti fudhatamee gahumsa qabaata.(shh kwt.2-4,834)  Namni tokko yeroo dhaalchisaan du’etti lubbuun jiraachuu baatus bakka bu’umuun dhaaluu danda’a.kwt.831(3),908
  9. 9. ...itti fufe  bakka bu’ummaan dhaalchisaa dhaaluuf ulaagaaleen sadii wal-faana guutuu qaba(shh kwt.853-856):kunis:  Bakka bu’aan dhaalchisaa wajjiin firooma kan qabu ta’uu  Namni bakka bu’iinsaan dhaalu (the represented heir) nama dhaalchisaa dhaaluu hin malle (unworthy) ta’uu dhabuu.  Bakka bu’iinsaan dhaaltummaa hin simatamne dhaaluun hin danda’amu.  Garuu dhaalchisaa dhaalli isaa hin simatamne bakka bu’uun dhaaluun ni danda’ama.
  10. 10. Lubbuun jiraachuu mirkaneessuu  dhaaltuun sun qaamaan akka dhiyaatu taasisuu, raga-baatota sadiin raggaasisuu,  galmee taatewwanii (records of civil status) dhiyeessuun,  murtii manni murtii guyyaa dhaaltuun sun du’e ilaalchisee murteesse (s/h/h kwt 115 fi 161) dhiyeessuun adda kan bahu ta’uu tumaaleen seera keenyaa ni ibsu. S/h/h kwt 5 fi 47(1)
  11. 11. Nama bade ilaalchisee  Guyyaa odeeffannoon dhumaa itti dhagahame sun guyyaa namni sun itti du’e jedhamuun kan fudhatamu waan ta’eef; dhalattootni isaa bakka isa bu’uun qooddii qabeenya dhaalaatti dhiyaatu SHH kwt 159, 160 fi 164 tumee jira.  Dhaalchisaan guyyaa isa dhumaa odeeffannoon jiraachuu eessa-buutee itti dhagahame dura kan du’e yoo ta’e, namni eessa-buuteen isaa dhabame dhaalchisaa kan dhaalu ta’a jechuu dha.  Namoota yeroo tokkotti du’an taanaan tokko kaan booda kan du’e garuu homaayyuu dhaaluu akka hindandeenyetti fudhatama kwt.832
  12. 12. Dhaaluuf nama hinmalle ykn unworthiness  Dhaaltuun dhaalchisaa, dhalattoota (ilmaanii fi abbayyuu) isaa ykn abbaamanaa /haadhamanaa isaa itti yaadee ajjeesuun yookaan yaalii ajjechaa irratti raawwachuun yookaan himata yakka adabbii du’aa ykn hidhaa cimaa Wag.10 ol adabsiisu irratti ragaa sobaa bahuun isaa mirkanaa’ee itti murtaa’e ykn adabame(shh kwt.838)  dandeettii dhabuu dhaalchisaatti fayyadamuudhaan du’aan duratti ji’a 3 gidduutti dhaalchisaan dhaamoo akka hin goone, akka hin jijjiirre, akka hin haqne kan godhe kwt.840  Fedhii dhaalchisaa malee dhaamoo dhabamsiisuu, haquu fi dhaamoo sobaa qopheessuu kkf.  Haata’u malee dhaalchisaan ifatti dhiifama yoo godheef dandeettii dhabuun dhaaltuu hafaa ta’a.SHH kwt.841
  13. 13. Dhaala dhaamoo malee’intestates’)kwt.842-856  dhaamoon kan hinjirre ykn fudhatama kan hinqabaanne yoo ta’e dha. 1. Dhaaltuu sad.1ffaa, kwt.842-ijoollee du’aa f b/bu’oota isaanii gahumsa qaban fi dhaaltummaa simatan. 2. Dhaaltuu sad.2ffaa (shh kwt.843,844), abbaa fi haadha fi bakka bu’oota isaaniitu darbee dhaala.  Kwt.844(3)abbaa ykn haadha keessaa tokko lubbuun kan hinjirre fi ijoollee kan hin qabne yoo ta’e dhaaltummaan guutummaa guutuutti gara sarara isa biraatti darba.  kwt.849 hambifata kwt.844(3)ti sababiin isaas dambiin paterna paternis jedhu qabeenyi dhaalaa in sochoone dhaalaanykn kennaan sara abbaa ykn haadha irraa dhufe gara sarara isa biraatti dhaalaan akka darbu hin eeyyamu.
  14. 14. …itti fufe 3. Dhaaltota sad.3ffaa.  SHH,kwt.845,846 gama toora haadha fi gama toora abbaa dhaalchisaatiin akaakaa fi akkoo ykn dhaaltota isaaniitiif darba.  Toora haadhaa ykn Toora abbaatiin akaakaan ykn aakkoon yoo hinjirre ykn dhaaltuu yoo hinqabne tooruma sanaan isa kaantu guutummaa walakkaa QDh itti darbee dhaala  Toorri tokko guutummaa guutuutti yoo hinjirre toora isa biraatti darba kwt.846
  15. 15. Gaafilee Marii 1. Ulaagaalee gahumsa dhabuu dhaaltuu shh kwt.830,839 jalatti ibsaman fi ulaagaa dhaamoo irraa buqqisuu shh kwt.937,938 gidduu jiran garaagarummaa isaanii ibsaa! Moojulii seera dhaalaa boqonnaa 1 dhimma 2ffaa Murtii DHIMMWF lakk.galmee 49713 jildii 11 irratti, bakka dhaalchistuun rafaa jirtutti dhaaltuun uleedhaan waan reebdeef sababa dhaaltummaa irraa buqqifamte,waliin wal-bira qabuun xiinxalaa! 2. Qabiyyee lafa baadiyyaa dhaaluudhaaf ulaagaaleen labsii lakk.130/99 kwt.6(1),2(16)’ Jalatti miseensa maatii(dhalataa ykn nama biraa galii biraa hinqabnee fi dhaabbataan abbaa qabiyyee waliin jiraatu) ta’uu qabu jedha.Dhaaltuun ulaagaa Labsii kana hin guunne bu’uura shh kwt.831(3) fi 853- 856tiin qabiyyee lafa baadiyyaa bakka bu’iinsaan dhaaluu ni danda’a moo hindanda’u jettuu? Sababa waliin deeggaruun ibsaa!
  16. 16. ..itti fufa  Haati Tolaa mana jireenyaa abbaa ishee irraa kennaan argattee osoo keessa jiraattuu,Tolaa qofa deessee waggaa lammaffaa Tolaan dhalatetti boqattee jirti. Tolaan haadha isaa dhaalee waggaa sadaffaa isaatti balaa tasaatiin osoo dhala hin godhatin du’ee jira haa jennu.  Qabeenya dhaalchisaa (mana jireenyaa Tolaa) eenyutu dhaala? SHH kwt.844(3) fi 849 waliin wal-bira qabuun xiinxalaa!
  17. 17. Dhaala dhaamoo’testate succession’SHH kwt.857ff  Dhaamoon eeyyama dhaaltuu otoo hinbarbaachisin waadaa dhaalchisaan seenu yammuu ta’u, dhaalchisaan hanga lubbuun jirutti haquus ta’e fooyyessuu ni danda’a.  Dhaamoon dhuunfaadhaan abbaatu taasifata.  Dhaamoo dirqiidhaan dhiibbaadhaan taasifamu seera duratti fudhatummaa hinqabu, tumaaleen seeraa waliigaltee haquudhaaf diriiran ‘analogical’ dhaamoo haquudhaafis raawwatiinsa qabaatu kwt.867.
  18. 18. Gahuumsa Nama Dhaamoo Taasisuu (Capacity of the Testator)  Umuriin gahumsa qabaachuu (SHH kwt.860,198,199) Maraatuu seeraa(Judicially interdicted) fi nama qalbii dhabeessa ta’e ykn notorious insane’ kan hin taane ta’uu. SHH kwt.861,863,343)
  19. 19. Qabeenya Dhaamoon irratti dhaamame sirnaan ibsuu  Dhaamoon qabeenyaa kami irratti eenyuudhaaf akka dhaamame ifaa fi seera-qabeessa ta’uu baannaan raawwatiinsa hin qabaatu. s/h/h kwt 865 fi 866, MMWDhIF, Galmee Lak 32817, Jildii 8  Walaumagalatti dhaamoon tokko fudhatamummaa kan argatu haalawwaan shh kwt.857 hanga 879tti jiran yoo guute qofadha.
  20. 20. Gosoota Dhaamoo  Gosootni dhaamoon ittiin dhaamamu sadii dha; isaanis: Dhaamoo ifaa (public wills) kwt. 881 hanga 883, fudhatamummaa kan qabaatu;-  Raga baatonni 4 ykn lama jiranitti guyyaan dhaamoo dhaamame caqafamee dubbifamuu qaba  Tokkoo tokkoon raga-baatotaa afaan (qooqa) dhaamoon sun ittiin dhaamame dubbisanii ykn dhaggeeffatanii sirnaan namoota hubachuu danda’an, dhaamoo bilisaan dhaamame ta’uu namoota adda baasan ta’uu qabu(DHIMMWF,Galmee Lak 59268, Jildii 11), Labsii Mirkaneessaa fi Galmeessa Sanadootaa Mootummaa Federaalaa, lak 922/2008, kwt 19(1) )  moojulii seera dhaalaa dhimma 4ffaa yoo ilaalle,DhIMMWF gal.lakk.37562 jildii 8ffaa irratti maqaan akka ragaatti caqafamuu yoo baate illee ogeessi galmeessa fi mirkaneessa sanadaa raawwate akka ragaatti fudhatamuu akka qabu ibseera.
  21. 21. Gaaffiilee Marii  Labsiin mirkaneessaa fi galmeessa sanadootaa Federaalaa lakk. 922/2008 kwt 17(1,c) irratti dhaamoon ifaa ogeessa sanada mirkaneessuu fi galmeessu biratti dhaamamu raga-baatota lamaan mallattaa’uu qaba waan jedhuuf ogeessa mirkaneessu waliin nama sadi ta’a. Haata’u malee ,SHH kwt.882 ragoota lamaan keessaa tokko ogeessa mirkaneessa ragaa taanaan gahaadha waan jedhuuf nama lama ta’a.Baay’ina lakkoofsa ragootaa ilaalchisee tumaalee seera lamaan keessaa kamtu hojiirra ooluu qaba jettuu? Sababiin isaa hoo?  Dhaamoon ganda keessatti barraa’ee ragaa nama tokko erga mallattaa’ee booda, yeroo biraa ogeessa mirkaneessa ragaatiin qofaatti kan mirkanaa’e yoo ta’e fudhatamummaa qaba moo hinqabu?tumaa SDFHH kwt.882,Labsii lakk.922/2008 kwt.17(1,c) fi Murtii DhIMMWF Galmee Lak 74734(jildii 14), waliin xiinxaluun yaada keessan ibsaa!
  22. 22. ..itti fufe  Bakka ragoonni jiranitti dubbifamuu qofa otoo hintaane, qabiyyeen dhaamoo kanaa ‘bakka dhaalchisaa fi raga-baatotni jiranitti dubbifameera’ gaaleen jedhu barraa’uu qaba.kwt.881(2).  Haata’u malee moojuulii seeraa dhimma 5ffaa irratti ‘DhIMMWF galmee lak 17429-‘Nuyi raga- baatotni dhaamamuu dhaamoo kanaa dhageenyeerra, argineerras’ jedhu dubbifamuu dhaamoo sanaa kan ibsu waan ta’eef, jechi dubbifameera’ jedhu ibsamuu dhabuun isaa qofti sanadicha raawwatiinsa hin dhabsiisu jechuun murteesseera.
  23. 23. Dhaamoo mirkaneessuu  Qabiyyee fi jiraachuun dhaamoo sanada dhaamoo sanaatiin malee haala biraa kamiinuu mirkanaa’uu akka hinqabne ibsa(SHH kwt.897,2005,2007  Haata’u malee Dhimma 7ffaa Moojulichaa yoo ilaalle DhIMMWF galmee lak 54013,galmee Lak. 59268, Jildii 11 mallattoon dhaamoo irra jiru kan dhaalchisaa miti mormiin jedhu yoo jiraatee fi forensikiin mirkaneessuun kan hindanda’amne yoo ta’e ragaa namaatiinis mirkaneessuun akka danda’amu ibsa.
  24. 24. Dhaamoo Holograafiishh kwt.884  qalamaan harka dhaammataan barraa’uu  kompitara/taayip raayitariin erga barreessee booda ofii isaatii kan barreesse ta’uusaa qalamaan barreeffamicha irratti kan ibse,  guyyaa fi mallattoo kan qabu  mata-duree barreeffamichaa dhaamoo ta’uusaa kan irratti ibsame taanaan ragaan mallatteessus mallatteessuu baatus fudhatamummaa hindhabsiisu (DhIMMWF,galmee Lak 10237, Vol 1).  dhaammataan ykn ragoonni dhaamoo ifaa yaadannoo addaatiin yoo ibsan malee dhaamoon kamuu haqaaf laaqaa taanaan fudhatama hinqabu,
  25. 25. Haqamuu fi fudhatama dhabuu dhaamoo kwt.898-908  Dhaamoo biraatiin haquu ykn fooyyessuu  Sanada dhaamoo haquu, tarsaasuu, dhabsiisuu  Qabeenyaa dhaamoo qaama biraatti dabarsuu ykn gurguruu  Dhaamoo afaanii godhee ji’oota 3 oli lubbuun yoo ture  Dhaamoo holograafii hanga waggaa 7tti mirkaneessa waliigaltee ykn mana murtiitti yoo hinkaa’amne.  Mucaan dhaalchisaa yoo dhalate fi dhaaltummaa simate  Diigamuu gaa’ilaa
  26. 26. Qabiyyee dhaamoo hiikuu,shh kwt.909-911 Dhaamoon yaada fi kaayyoo dhaalchisaa bu’uureffachuun hiikama Haata’u malee jechi dhaamoo if taanaan yaada dhaalchisaa irraa maquun hiikoo itti laachuu hin barbaachisu(DhIMMWF,galmee lakk. 47487)
  27. 27. Dhaamoon bakka 2tti qoodama(shh kwt.912). 1. Dhaamoo waliigalaa qabeenyaa dhaalaa hunda, ykn dhibbeentaan, nuusaan, kurmaanaan, walakkaa isaa yoo dhaammate 2. Dhaammoo baaqqee-qabeenyaa maqaadhaan adda baasuun dhaaltuuf yoo moggaase. Jechi dhaamoo yaada faallaa dhaalchisaa kan ibsu yoo ta’e malee, dhaalchisaan qabeenyaa qabu keessaa tokko ykn muraasa kennaadhaan dhaaltota isaatiif kan kenne yoo ta’e, dambii qoodinsa qabeenyaa akkaata itti raawwatu kan qajeelchu malee akka kennaa dhaamootti fudhatamuu akka hinqabne seerri ni ajaja(SHH kwt.915).
  28. 28. Dhaaltuummaa keessaa buqqisuu(shh kwt.937ff  Dhaalchisa dhaamoo keessatti ifatti ibsuun dhaaltota dhaamoo keessaa buqqisuu danda’a.  Dhaalchisaan ilmaan ykn ijoollee ijoollee isaa dhaaltota keessaa buqqisuuf sababa dhiyeessuutu irraa eegama. Sababiin caqafame dhugaadha tilmaama jedhu fudhachuun gahaa ta’uuf dhiisuu isaa qofatu madaalaama.  Dhaamoo waliigalaa taasisuun dhaaltota sadarkaa 2ffaa,3ffaa,4ffaa al-kallattiin dhaamoo keessaa akka buqqisetti fudhatama. 
  29. 29. Gaaffilee Marii 1. Dambii qoodinsaa kwt.913 fi kennaa dhaamoo baaqqee maalin gargar baafna. Keessattuu kennaa dhaamoo baaqqee dhaaltuudhaaf taasifame irratti dambii qoodinsaati malee kennaa miti mormiin jedhu yoo ka’e hoo? Murtii DhIMMWF Gal.lak 57836 dhimma 10ffaa moojulii waliin wal-bira qabuun xiinxalaa! 2. Dhukkubsannaan na yaalchisuu dide, na kunuunsuun didee sababni jedhu dhaamoo keessaa buqqisuuf sababa gahaa ta’uu danda’a moo hindanda’u? DhiMMWF,galmee lak 57836, jildii 11 sababa gahaa miti jedha, maaliin madaalameeti? eegama,fkf “rakkoo cimaa jireenya koo irraan gahan”jechi jedhu ifa miti(lak 58338, jildii 11). 3. Dha/keessaa buqqisuu jechuun qabeenyaa dhaalaa keessaa hanga xiqqoo dhaalchisuu moo guutummaa guutuutti dhabsiisuu dha? Sababaan deeggaruun ibsaa!
  30. 30. Boqonnaa 2:Sirna QQDh kwt.942-1059  Kaayyoon Boqonnichaa;-Hiikoo seeraa fi hojimaata Sirna QQDh,sirna WRDh fi aangoo QQDh adda baafachuun rakkoowwan mul’ataniif furmaata wal- fakkaataa kennuudha. Maalummaa QQDh:shh kwt.944,956 Kaayyoo QQDh. 1. Mirga dhaalchisaa fi qaama 3ffaatiif eegumsa gochuu(Heera mootummaa:…Mirgoota nama biroo hanga hin morminetti kan jedhu kwt.40(1,7), 2. SHH.kwt.943, qabeenyaan dhaalaa abbootii mirgaatiif wabiidha. idaa dursanii sassaabuu fi dursani kaffaluun kanuma galma ga’uudhaaf(1014(c).
  31. 31. ..itti fufa 2. Mirga dhaaltotaatiif eegumsa gochuuf: Fkf, QDh Hanga hinqulqulloofnetti of danda’ee akka turu gochuu (SHH kwt.1060) 3.Salphaatti haqa abbootii mirgaa kabachiisuudhaaf: Fkf, sirni QQDh iddoo dhaamoon taa’u ykn iddoo jireenya muummee dhaalchisaatti akka banamu ta’uu isaa.
  32. 32. QQDh karaa sadiin aangeffama,shh kwt.947,948,950 1. QQDh Seeraan Filamu (SHH,kwt.947(1)’legal heirs are ipso facto or default lequidator’. Haata’u malee, dhaaluuf gahumsa dhabuun,dhaamoo irraa buqqifamuun ykn dhaaltummaa simachuu dhiisuun dhaaltuu seeraa aangoo QQDh dhabsiisa. 2. QQDh Dhaamoon Filamu,shh kwt.948 3. QQDh MMn filamu: SHH,kwt.950-951,dhaaltuu yoo hin jirre,Dhaala qulqulleessuu ykn dhaaltummaa simachuu yoo hinbarbaanne m/murtii ni fila. Akkasumas, jiraatanii yoo walii hin galle,fudhatamummaa dhaamoo irratti mormiin yoo jiraate,ykn dantaa daa’ima kabachiisuuf, ykn QQDh ga’umsa fi amanamummaa yoo dhabe MM QQDh bakka buusa.
  33. 33. Gaaffiilee marii 1. QQDh dhaamoon yoo filame ykn kennaa dhaamoo walii gaalaa yoo jiraate dhaaltuun seeraa aangoo QQDh ni dhabamoo hin dhabu? 2. Qabatamaan moojuli dhimma 11ffaa irratti (galmee MMAMJ lakk 45700) kallattiidhaan koree qulqulleessituu dhaalaa hundeessuudhaan gabaasni QQDh mirkaneessaaf MMtti dhiyaate Koree mana murtiitiin alatti hundaa’ee fi mirga dhaaltummaa hinqabneen gabaasni dhiyaatu bu’uura seeraa qaba moo hin qabu jettu? Sababaan deeggaruun ibsaa?
  34. 34. Dhaamoo Banuu QQDh MMn muudamu akkuma muudameen hojii eegaluu qaba. Kan dhaamoodhaan ykn seeraan filatame akkuma dhaaltummaan banameen hojii eegaluutu irra jiraata. 1. Namoota mirga dhaaltummaa qaban yeroodhaaf murteessuu 2. Dhaamoo barbaaduu, yoo jiraate ol’kaa’uu,SHH,kwt. 962- 965, beeksisa maxxansuu ni dabalata. Dhaamoon dhaalchisaan du’ee guyyaa 40ffaatti dubbifama(shh kwt.965). 3. Waamicha ykn beeksisuu, dhaamoo Banuu, SHH kwt.965,966: dhaamoo dubbiisuu, fudhatamummaa dhaamoo mirkaneessuu, mirga dhaaltota fi karoora qooddii qabeenyaa dhaalaa ibsuu fi komii dhiyaatu keessummeessuu ilaallata(shh kwt.971-974),
  35. 35. Komii Keessummeessuu,SHH kwt.973,974 1. Qabiyyee fi ulaagaa barreeffama dhaamootiin wal- qabatee komiin dhiyaachuu danda’a(SHH kwt.969). 2. qabiyyeen dhaamoo tokkoo faallaa seeraa ykn hamilee ummataa waan ta’eef fudhatamummaa hin qabu yaadni jedhu ka’uu mala. 3. sababoota dhaamoo fudhatama dhabsiisan ‘haaldureewwan bu’uuraa dhaamoo’ (SHH kwt.866, SHH kwt.857-879 fi tumaalee bilisummaa dhaalchisaa daangeessan (kwt.934, kwt.937, kwt.917(2)tiin wal-qabatee mormiin dhiyaachuu ni mala.
  36. 36. Gaaffilee marii 1. Dhaamoodhaanis ta’e dhaamoon ala mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa dhaaluudhaaf ijoollee dhaalchisaa ykn nama jireenyi isaa lafa sanarratti hundaa’e fi galii gara biraa hinqabne akka ta’e labsii lakk.130/99 kwt 9 fi kwt.2(16) ni ajaja. Dhaamoodhaanis haata’u dhaamoo malee sirni tumaa SHH keessatti dhaaltotaaf diriire dhimma qabiyyee lafa baadiyyaa wajjin kan wal-dhiitu yoo ta’e dhaamoo seeraa faallaa seeraa nu jechisiisa moo hin jechisiisu? 2. Dhaamoo afaanii SHH kwt.896,902,964(2)tiin barreeffamatti jijjiiramee ol kaa’ama .Dhaamoo qabiyyee lafa hoo? barreefama moo afaaniin taasifama? Bu’uura Labsii lakk.130/99 moo SHHtiin taasifama jettu? 3. Garaagarummaa gocha dhaamoo haquu bu’uura SHH kwt.973 fi kwt.1122,1123 maal akka ta’e ibsi! Murtii DhIMMWF jildii 23ffaa lakk.gal.152134 .jildii 15ffaa gal.lakk.118105,waliin xiinxali!
  37. 37. …itti fufe 3. Seera hariiroo hawaasaa kwt.974 fudhannee yoo ilaalle dhaamoon akka haqamu mormiin eenyu eenyuun dhiyaachuu qaba kan jedhu teechiseera.Akka keewwata kanaatti, qaamni caqafame mormuu yoo baate qulqulleessituun dhaalaa ykn manni murtii dhaamoo seeraan ala ta’e callisee ofitti fudhachuu qaba jechuudha? 4. Bu’uura SHH kwt.969tiin QQDh barreeffama fi fudhatamummaa dhaamoo’forms and validity of the will’ mirkaneessuu akka qabu, Manni Murtii immoo bu’uura SHH kwt.996’tiin gabaasa QQDh dhiyeesse mirkaneessee waraqaa ragaa dhaaltummaa kenna.Haata’u malee, manni murtii kaka’uumsa mataa isaatiin foormaaliitii dhaamoo mirkaneessuu hinqabu jechuudhaan hiikoo dhaaddachi ijibbaataa jildii 23 lakk.galmee 159474 kenne waliin akkamitti walitti araarsun akka danda’amu ibsaa!
  38. 38. ..itti fufe 5. Sababiin dhaamoo irraa buqqisuu gahaa dha moo miti? qabxii jedhu QQDh ilaalee murteessuudhaaf aangoo qaba moo hinqabu? Mormiin dhiyaatu haala qabatama ‘objective’ta’een madaaluun ni danda’ama jettuu? Fakkenyaan deeggaruun ibsaa? 6. Gabaasa QQDh irratti bu’uura SDFHH kwt.358tiin mormiin dhiyaachuu ni danda’aa? 7. Mojulii s/dhaalaa dhimma_13ffaa gal.lakk. 108328 irratti akka ibsametti, DhiMMO fi DhiMMWF gabaasa QQDh galmee biraa irratti taasifame kufaa gochuun isaanii sirriidha jettuu?
  39. 39. …itti fufe 8. Gabaasni QQDh yeroo dheeraa booda galmee biraa irratti ilaalamee fudhatamummaa yoo dhabe,darbiinsa yeroo himata qoodinsa qabeenyaa (SHH kwt.1062) irratti jijjiirama fidu qaba moo hinqabu jettu? 9. Gabaasa qulqulleessituu qabiyyee dhaalaa mirkanaa’e irratti namni mormii otoo hindhiyeessin hafee, galmee kan biraa gahee qabiyyee dhaalaa qooddachuuf saaqame irratti gabaasicha komachuun mormiin dhiyaatu fudhatama qaba moo hin qabu jettu? Akkamitti? Murtii DhIMMWF jildii 20ffaa gal. lakk. 118105 waliin xiinxaluun ibsaa!
  40. 40. WRDh SHH.kwt.996  Namni WRDh of harkaa qabu tokko ragaa dhaaltummaa kuni hanga hin haqamnetti, mirgoota WRDh iratti caqafaman akka qabutti tilmaamama.  Haata’u malee tilmaama seeraa fashalaa’uu danda’uudha(SHH kwt.998,999).  Faayidaa waraqaa ragaa dhaaltummaa qabu hedduu dha. Fkf, Dhimma kaffaltii beenyaatiif, dhimma sooramaatiif, dhimma maqaa jijjiirraatiif, falmii dhaalchisaa itti fufuudhaaf kkf.
  41. 41. WRDH fi Raawwii Murtii Bu’aa WRDh hordofsiisu irratti hubannoon wal-fakkaataa hinjiru.  Ogeessonni seeraa tokko tokko akka murtiitti fudhachuudhaan yammuu raawwachiisanii fi bu’uura SDFHH kwt.358tiin mormii WRDh yammuu keessummeessan ni mul’ata. Fkf,MMAMJ galmee dhaaltummaa mirkaneeffachuu lakk.55212 ta’erratti baankiin iyyattootaaf maallaqa akka kaffalu jechuun ajajeera.  Faallaa kanaa immoo, DhIMMWF Galmee lakk.18576 irratti murtii kenneen,WRDh erga fudhatanii booda qoodinsa ilaalchisee walii galteen yoo hinjirre, WRDh himannaa hundeessuudhaaf mirga ykn dantaa ‘vested interest’ qabaachuu isaanii mirkanessuu irraa kan hafe ofii isaatii murtii waan hintaaneef kallattiidhaan raawwiin irratti gaafatamuu hindanda’u jedheera,jildii 22 lakk.gal.1302884 kanuma cimsa.
  42. 42. Qabiyyee dhaalaa lafa baadiyyaa fi WRDh  qaamni mirga fooyyee qabu “dhaaltuu ta’uun isaa mirkanaa’ee waraqaan ragaa abbaa qabiyyummaa seeraan ala kenname akka haqamu” yammuu gaafatu manni murtiis ragaan qulqulleeffatee ‘WRDh fudhatamummaa hinqabu”jechuun haqee qabiyyeen lafa dhaalaa dhaaltotaaf akka qoodamu yammuu ajaju ni mul'ata.  Qaamonni qabeenyaa hinsochoone galmeessuudhaaf aangeffamanis bu’uura SHH kwt.1637’tiin, waraqaan kuni seera duratti fudhatamummaa qabaachuuf dhiisuu mirkaneessuu aangoo keenya miti yeroo jedhan jira.  Namni tokko dursee dhaaltummaa mirkaneeffatee WRDh fudhachuun seeraan ala maqaa abbaa qabiyyummaa yoo naanneffate,WRDh haqsiisuun qabiyyee seeraan ala fudhatame deebisiisuun dhama qabeessa ta’a(SHH kwt.998,999,kwt.995 fi 996 wal-bira qabuun yoo ilaalle kanuma nu hubachiisa).
  43. 43. Aangoo QQDh fi Mirkaneessa WRDh  QQDh fi WRDhtiin wal-qabatee mana murtiitti dhiyaatu gaaffii mirga ofi mirkaneeffachuudhaaf dhiyaatu‘declaration of status’ malee dhimma maallaqaan tilmaamamee seerummaan itti kaffalchiifamuu miti.  SDFHH kwt.18tiin labsii lakk.216/2011 kwt.31(5)tiin dhimmoonni hintilmaamamne fi ifatti aangoo mana murtii ol’aanaa jalatti hiinkufne irratti manni murtii aanaa aangoo akka qaba.  Haata’u malee SHH kwt.1062tiin gaaffiin dhiyaatu ykn SHH kwt.999tiin himanni dhiyaatu tilmaama qabeenyichaa irratti hundaa’ee MM aangoo hundee dubbii qabutti dhiyaachuu qaba.DHIMMWF Lakk.gal.124313,
  44. 44. …Itti fufe  Dhaamoon kan banamuu iddoo dhaalchisaan dhaamoo kuusetti, bakki addaa dhaamoon kuufame yoo hinjjirre iddoo jireenya muummee dhaalchisaatti ta’uu akka qabu seerri ni ajaja(SHH,kwt.967). Kanaaf,iddoo dhaamoon kuufametti ykn iddoo teessoo muummee dhaalchisaatti MM aangoo tooraa qabu gabaasa QQDh simatee WRDh kennuu ykn haquu ni danda’a yoo jenne dhama qabeessa ta’a.
  45. 45. Gaafilee Marii 1. MAMJ gal.lakk.55136 ta’erratti du’aan hojiidhaanis ta’e jireenyaan Magaalaa Adaamaa yoo ta’u, haati fi abbaan ‘magaalaa Jimmaatti dhalate’jechuun iyyatanii dhaaltummaan mirkanaa’ee qabeenyaa Baajaajii Magaalaa Adaamaatti galmooftee harka nama dhuunfaa jirtu gahee iyyattootaa ta’uun ishee akka beekamu WRDh MMAMJtiin kennameeraaf.Dhimma kanarratti MMAMJ aangoo qabeenyaa dhaalaa qulqulleessuu fi WRDh kennuu qaba jettuu? Kaayyoo QQDh ‘mirga qaama 3ffaa tiksuu fi haqa baasuu”waliin akkamitti ilaaltu? 2. Dhaaltummaan erga banamee booda kan du’e ta’e garuu ragaa mirkaneessa dhaaltummaa otoo hin baafatin nama du’e yoo ta’e mirga dhaaltummaa goonfatee du’e jechuu dandeenyaa?
  46. 46. WRDh fi QQDh SHH kwt.996  QQDhtu dursa moo gaaffii WRDhtu dursaa? Ijoo jedhu irratti ogeessota gidduu garaagarummaan yaadaa ni mul’ata. DHIMMWF lakk.galmee 110022 ta’e irratti filannoo iyyataati (it is upto the choice of applicant’ dirqama al-tokkotti gaafatamuu hinqabu jedha.  WRDh QQdh gaafachuuf haal-duree miti, DHIMMWF’tiin lakk.galmee 113529 ta’e irratti, namni tokko akkuma du’een dhaaltummaan banamee mirgaa fi dirqamni sababa du’aatiin hafaa hintaane dhaaltota isaatti kan darba jedha( SHH kwt.826 fi 833).Yeroo dhaalchisaan du’utti abbaan iyyattootaa lubbuun jiraatee dhaaluuf hinmalu hanga hinjedhamnetti bu’uura shh kwt,830tiin mirgaa fi dirqamni abbaan dhaalee du’e, sababa abbaan WRDh hinqabaanneef qofa, gara ijoolleetti sababii hindarbineef hinjiru.
  47. 47. Qabeenyaa Dhaalaa Bulchuu,SHH kwt.1003-1013  Aangoo bakka bu’iinsa waliigalaa’ general agency’ tiif kenname waliin wal-fakkaata,SHH, Kwt.2204. QQDh dhaalchisaan dhiisee du’e guyyaa dhaalchisaan du’ee eegalee guyyaa 40 keessatti galmeessuu’ inventory’, tilmaamuu,akka abbaa gaariitti bulchuu, qabeenyaa baduu fi manca’uu danda’u gurguruu,qabeenyaa socho’aa idaa kaffaluuf qofa yoo barbaachise gurguruu fi kkf.  QQDh guyyaa filatamee kaasee dhaaltonni gahee dhaaltotaa hanga harka simatanitti ni bulcha (shh.kwt.1003).Hanga harkaa simatanitti ni bulcha gaaleen jedhu QQDh aangoo qoodinsa QDh waan qabu fakkeessa.
  48. 48. Kaffaltii idaawwanii,SHH kwt.1014 1. Idaa awwaalchaa-baasii haqa qabeessa ta’uu qaba.Baasii yaadannoo hin dabalatu (SHH,Kwt. 1015). 2. Baasiwwan qabeenyaa dhaalaa bulchuudhaaf fi qulqulleessuuf bahe,SHH kwt.1016, fkkf saamsuuf, lakkaa’uuf, tilmaamuuf,qooduuf fi dhaaltuutti dabarsuuf baasiwwan bahan. 3. Kaffaltii idaa namoota dhaalchisaa irraa gaaffii maallaqaa qabaniitiif kaffalamuudha. QQDh idaa dhaalchisaa falmisiisaa ta’e fi yeroon kaffaltii isaa hin geenye kaffaluuf aangoo hinqabu(1017).
  49. 49. …itti fufe 4. kaffaltii Qallaba fudhattootaaf raawwachuu: isaanis;- • Haadha manaa ykn abbaa manaa du’aa yoo ta’an, • Maatii du’aa ol lakkaa’aman, dhalattoota du’aa fi obboleewwan du’aa bu’uura seeraatiin qabeenyaa du’aa guutummaatti ykn gar- tokkee dhaaluu danda’an (legal heirs) yoo ta’anii fi dhaamoo irraa kan hin ittifamne (worthy person) fi dhaaltota mirga dhaaltummaa fooyyee qaban ta’uu qabu SHH,Kwt.1028.Namoonni kunis namoota hojjatanii galii argachuudhaaf dandeetti hinqabneefi namoota rakkoo keessa jiran (persons in needy) ta’uu qabu.
  50. 50. ..itti fufa 5. Kaffaltii Kennaa Dhaamoo Raawwachuu (SHH kwt.1037). 6. Dhumarrattis,QQDh kaffaltiiwwan armaan olii 1-5’tti kaffalamuu malan kaffalee erga raawwatee booda, namoota dhaamoodhaan kennaa addaa argataniitiif kaffaltii rawwatee hojiin QQDh kan cufamu ta’a (SHH kwt.1052).
  51. 51. Gaaffilee xiinxalaa 1. QQDh aangoo qabeenyaa dhaalaa addaan qooduu qaba moo hinqabu? Qabxii jedhu irratti yaada 2tu jira:-  Yaa Yaadni garee 1ffaa:- SHH (distinctive estate of heirs,art. 1060(1), baasiwwan bulchiinsaaQQDh kaffaluu qabu kanneen akka baasii qabeenyaa dhaalaa dhaaltuutti dabarsuu(1016) fi baasii maqaa naanneessuu kaffalu fi QQDh guyyaa filatamee kaasee dhaaltonni gahee dhaaltotaa hanga harkaa simatanitti ni bulcha kan jedhu( kwt.1003) QQDh aangoo qoodiinsa QDh waan qabu fakkaata jedhu.  yaada garee 2ffaa:-SHH kwt.1052 waraabbii Amaariffaa, SHH kwt.1079 akkaataa dhaaltonni qabeenyaa dhaalaa addaan qooddatan ibsa.DhIMMWF Lakk.galmee 23322 Jildii 7ffaa QQDh aangoo qoodinsa qabeenyaa dhaalaa murteessuu akka hinqabne ibsa. Isin yaada lamaan keessaa dhama qabeessa kan jettan ibsaa!
  52. 52. ..itti fufe 2. Qoodinsi qabeenya waliinii abbaa manaa fi haadha manaa murtii mana murtiitiin osoo hin gaggeeffamin qabeenyaa dhaalaa qulqulleessuun ni danda’ama hin danda’amu? Ni danda’ama kan jettan yoo ta’e haadha manummaa fi abbaa manummaa(hariiroo gaa’ilaa irratti wal-haaluun) yoo jiraate hoo?
  53. 53. Sirna QQDh fi qabatama jiru  Tumaalee SHH kwt.971,972,973,974 yoo ilaalle,hojiin QQDh inni guddaan mirga dhaaltotaa beeksisuu,yaada karoora qooddii gahee qabeenyaa dhaalaa beeksisuu fi komii dhaaltonni dhimma kanarratti dhiyeessan keessummeessuu dha.  Hojiin QQDh guyyaa armaan oliitti caqafametti kan eegalu yoo ta’eyyuu yeruma sanatti xumuramuu qaba jechuu akka hintaane hubatamuu qaba.sababiin isaas qabeenyaa bulchaa fi idaa, kennaa, baasii sooramaa fi kkf raawwachuun (SHH, kwt.1003,1014,1025) yeroo gaafata.
  54. 54. Hanqinni qabatamaan mul’atu  Sirna seera QQDh hojiirra oolchuu hafuu.  Hamada qooddii qabeenyaa dhaalaa kallattiin dhiyeessuu fkf falmii qabiyyee lafa baadiyyaa(moojulii dhaalaa dhimma 19ffaa MMAGu lakk.galmee 09689 ).  Manni murtii QQDh nuuf ha muudu jechuudhaan maqaa tarreessanii dhiyeessuun ni mul’ata.  gaafuma dhaaltummaa mirkaneeffachuu baarbaadanitti koree qulqulleessituu dhaalaa hundeessanii gabaasa qopheessuu, fkf muujilii keessan keessatti dhimma 11ffaa,MMAMJ lakk.galmee 0968 ilaalaa.
  55. 55. …itti fufa  Tumaaleen Sirna QQDh hogganan akkaataa seerri ajajuun hojii irra waan hinjirreef,manni murtii galmeedhuma tokkorratti al-tokkotti hojii QQDh silaa hojjachuudhaa qabuu ofitti fudhatee qabeenyaa dhaalaa akka qulqulleessu,dhaaltummaa akka mirkaneessuu fi qoodinsa qabeenyaa dhaalaa akka raawwatu gochuun qabeenya mana murtii qisaasessuun, abbootii dhimmaas dhamaatii hin malleef saaxilaa waan jiruuf ;xiyyeeffannaa itti kennuun hojiirra oolchuun barbaachisaa dha.

×