43. Kan Itti Fufe …
Namni ‘ilaallatu kamuu’ kan jedhameef, dhimmoonni
keewwaticha keessatti eeraman walitti dhufeenya hawaasummaa
fi dinagdee garee waliigaltootaa irra darbee kan hawaasa mara
irratti dhiibbaa geessisu ta’uun isaa waan hubatameefidha. Seerri
kun, itti fufuun, kwt 1809 jalatti gareen waliigaltee diigsisuuf
mirga qabu, yeroo kamittuu hin raawwadhu jedhee diduuf mirga
kan qabu ta’uu tuma.
Waliigalteen tokko sababa ragga’uu dhabuutiin akka diigamuu
yoo taasifame, hanga danda'ametti gareen waliigaltootaa bakka
waliigalteen dura turaniitti akka deebi'an gochuun barbaachisaa
dha (kwt 1815). Waliigalteen sun kan ragga’u ykn seera biratti
fudhatama kan qabu dha yaada jedhuun dhimmoonni
raawwataman yoo jiraatan hafaa ykn bu’aa kan hin qabne ta’u
jechuu dha. Bu’uura kwt 1808tiin gaffiin (iyyannoon)
dhiyaachuun barbaachisaadha.
44. Kan Itti Fufe …
Bu’uura seera waliigalteetiin, waliigalteewwan
raawwataman ilaalchisee seerummaan akkaataa
waliigalteetti naaf haa raawwatamu jedhuu (1717, 1771,
1776)fi waliigalteen naaf haa diigamu (1808) jedhu
dhiyaachuu danda’a. Manni Murtii kaka’umsa mataa
isaatiin waliigalteewwan seeraan alaa ‘hin raawwataman’
‘unenforceable’ jedhee murteessuu ni danda’a. Bakka
kanatti, seerri waliigaltee eegumsa kan taasise gareewwan
waliigalteetiif osoo hin taane adda dureedhaan imaammata
uummataatiifidha. Seerri ykn manni murtii maalif fedhii
gareewwanii keessa gala? Sodaa uumuun namni akka itti
hin seenne gochuuf (Deterrence effect)? ‘No one should
benefit in any way from his illegal behaviour?
45. Kan Itti Fufe …
Waliigaltee seeraan alaa raawwachiisuun kabaja mana murtii
waan xiqqeessuuf? (namoonni seeraaf bitaman manni murtii
waliigaltee namoonni seera cabsuun raawwatan
raawwachiisuun deeggara jira jechuun amantaa dhabuu
danda’u).
Dhimmoota akkuma haala isaatti fkn waliigaltee faallaa
heeraa (bittaafi gurgurtaa), waliigaltee ulaagaa foormii,
waliigaltee qajeelfama faallessan jennee ilaallaa?
Principle=“He Who comes into equity must come with clean
hands’. Does this principle work?
“Participants to an illegal contract who are in pari delicto can
secure no relief based on such contract”-Qajeeltoo Sirna
Common law’ keessatti dur beekamu.
Gareewwan lachuu badii wal qixa yoo qabaatan? ‘Pari
Delicto’ (Equal fault) vs (Equal or Greater Legal Fault) MM
Kaka’umsa mataa isaatiin Waliigaltee diiguuttis seenuu ni
danda’aa? Burden of pleading and proof (ECC article 2001)
46. Kan Itti Fufe …
Dhimma 1ffaa
Dhimmi kun dhimma dhaddacha Ijibbaataa MMWOtiin
galmee lakk.402887 ta’e irratti dhaddacha gaafa 12/11/2014
ooleen murtii argatedha.
Dhimma kana keessatti Waamamtuun Dhaddacha Ijibbaataa
(himattuun jalaa) himannaa iyyataa ammaa (himatamaa
jalaa) irratti MMA Ada’aatti dhiyeessiteen; ani duraan
abbaa warraa kiyya waliin mana murtiitti gaa'elli keenya
diigamee, qabeenya waliin qabnus guutummaatti
qooddannee, mana jireenyaa qabnus kan gurgurree ture
waan ta'eef, iddoo mana jireenyaa waan dhabeef lafti
qonnaa abbaa warraa koo irraa qooddadhe immoo naannoo
namni hin jirree fi jireenyaaf hin mijanne waan ta'eef yeroof
50. Kan Itti Fufe …
Manni Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Bahaatis murtii MMA bu’uura
s/d/f/s kwt. 337 tiin cimseera. Dhaddacha Dhaabbii Bahaa MMWO
immoo; bu'uura labsii lakk. 130 /99 keewwata 8 fi dambii bulchiinsaa fi
itti fayyadama lafa baadiyaa lakk.151/2005 kwt 1l (2) tiin lafti qonnaa
kaayyoo qonnaa hammayyaatiif yookaan ooyiruu fageenya irra jiru gara
tokkotti fiduuf qofa ? abbootiin qabiyyee wal jijjiirraa raawwachuu kan
danda'an yoo ta' u, himattuu fi himatamaan kaayyoo kanaaf kan wal
jijjjiran waan hin taaneef bu'uura seeraa hin qabu. Kanaafuu wal
jijjiirraan kun bu'uura seeraa kan qabu waan hin taaneef manni murtii
aanaa akka seera qabeessaatti fudhachuun himanan ishee kufaa gochuun
sirrii miti jechuudhaan murtii mana murtii aanaa fi ol aanaa diiguudhaan
iyyataan kun lafa qonnaa waamamtuu qarxii tokko daangaan isaa
bahaan-Laggasaa Gammachuu, Lixaan-Yaadashii Dinquu, kaabaan -
Abarraash Goobanaa, Kibbaan-Warquu Baqqalaatiin daanga'u
waamamtuu ammaa kanaatiif gad haa lakkisu akkasumas waamamtuun
lafa kaaremetira 400 sababa wal jijjiirraatiin harka ishee gale iyyataa
kanaaf gad haa lakkistu jechuun murteesseera.
51. Kan Itti Fufe …
Itti fufuun, dhimmi kun dhaddacha Ijibbaataa MMWO gahee,
dhaddachichis; Iyyataa fi waamamtuun kun waggaa 8 dura bara 2006
lafaa fi eddoo mana jireenyaa fedha isaaniin kan wal jijjiiran ta'uun
kan falmisiise miti. Waliigalteen wal jijjiirraan taasifames yeroodhaaf
jedhamee akka hin taane firii dubbii mana murtii aanaatti rnirkanaa'e
dha.
Manni Murtii Waliigala Ororniyaa Dhaddachi Dhaabbii Bahaa
sababni itti waliigaltichi akka diigamuu fi iyyataan qabiyyee
waamamtuu irraa jijjiirraan argate akka gadi lakkisu rnurteesse
sababa waliigaltichi seeraan walitti bu'a, ulaagaa labsii bulchiinsaa fi
itti fayyadama lafa baadiyaa lakk. 130/99 kwt 8 fi dambii bulchiinsaa
fi itti fayyadama lafa baadiyyaa lakkoofsa 151/2005 kwt 11 (2) tiin
kan hayyamame miti jedhuunidha. Nutis dhimma kana akka ilaalletti
qonnaan bulaan wal jijjiirraa lafaa kan raawwatu qonna
hammayyaatiif yookiin ooyruu fageenya irra jiru naannoo tokkotti
fiduuf akka ta'e dambii bulchiinsaa fi itti fayyadaam lafa baadiyyaa
lakk. 151/2005 keewwata 1 1 (2) jalatti turnameera.
52. Kan Itti Fufe …
Haalli itti iyyataa fi waamamtuun lafa itti wal jijjiiran ulaagaa kana
kan guutu waan hin taaneef, akkasumas qaama ilaallatu waajjira
bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa aanaatti galmaa’uu isaa
kan ibsame waan hin taaneef Manni murtii waliigala Oromiyaa
Dhaddachi Dhaabbii Bahaa waliigaltichi seera qabeessa miti jechuun
dogoggora miti. Akka SHH kwt 1808 fi 1815tti waliigalteen tokko
sababa seeraan ala ta'eef kan diigamu yoo ta'e gareen lameenuu bakka
isaaniitti deebi'uu qabu. Haala kanaan, iyyataan ammaa lafa manni
qorqorroo luukii 30 ta’e irra jiru waliin kan jijjiire ta’uu deebii isaa
keessattis ibsee waan jiruuf, kana ilaalchisee manni murtii waliigalaa
ijoo waan hin qabanneef, manni murtii aanaa Ada’aa galmee cufee
ture sochoosuudhaan ijoo " iyyataan kun lafa duwwaa moo mana
qorqorroo luukii 30 irratti ijaarame waamamtuu kana waliin wal
jijjiire? kan jedhu ragaa gareen dhiyeessuu fi akka barbaachisummaa
isaatti ragaa rogummaa qaba jedhuun dabalataan qulqulleessee booda
murtii akka kennu jennee akka s/d/f/s kwt. 343 (1) tiin gara mana
53. Kan Itti Fufe …
Gaaffii
Dhimma mana qorqorroo luukuu 30 iyyataan kaaseefi
dhimma mana waamamtuun nan kaafadha jettee kaastee
sirriitti qulqullaa’eeraa? Dhimmi duubatti deebi’uu ifatti
gaafatamuu qabamoo hin qabu? Falmiin iyyataafi waamamtuu
waliigalteen yeroof raawwatame, yeroof miti kan jedhu ta’ee
bakka jirutti manni murtii faallaa seeraati jechuun diiguu ni
danda’aa? (Firii dubbii gareewwan hin kaasne). Lafa qonnaa
lafa mana jireenyaatiin wal jijjiiruun hin danda’amaa?
(Baadiyyaa keessa yoo ta’ehoo)
Dambiin kun kwt 11 jalatti haalota eeramaniin qofa wal
jijjiirraan hayyamama hin jedhu. Kaayyoon isaa maali?
54. 4.Rakkoowwan Ijoo Dubbii Qabachuufi Dirqama
Mirkaneessuutiin Wal Qabatan
Firiiwwan dubbii ykn seeraa gareewwan irratti wal
dhaban-Ijoowwan dubbiiti. 246vs 247
Material propositions? (247(2)
Waanuma hunda irratti waan garaagarummaa
qabaniif ijoo dubbii hin ta’u. (Material proposition
+the right decision of the case appears to depend
on the issues)
Simple proposition of facts (relevant facts) are not
material facts.
Hojmaatni tokko tokko;-mormii sadarkaa duraa irratti ajaje erga
kennee booda qoratee ijoowwan dubbii qabachuu (galmeessuu),
…..achii ijoo dubbii qabame irratti yaada bitaafi mirgaa dhagahuu,
achii qorachuuf bulchuu, achii murteessuu ykn ijoo dubbii qabachuu
55. Kan Itti Fufe …
Oral argument-Japan-fakkeessutu jira.
Issues>> Issues of fact and issues of law
“The only point of requiring pleadings and issues is to
ascertain the real dispute between the parties, to narrow the
area of conflict and to see just where the two sides differ, so
that no party at the trials is taken by surprise. Thus, framing
of issues has a very important bearing on the trial and
decision of the case. The court should not determine an
issue which does not arise on the pleadings and should not
decide a suit on a matter on which no issue has been raised.”
M P JAIN
Every issue of fact shall be framed as to indicate on whom
the burden of proof lies”
56. Kan Itti Fufe …
The object of framing issues is to direct the attention
of parties to the principal question on which they are at
variance.”-Dinshaw Fardunji Mulla
Facts in issue are proved by evidentiary facts.
Wayita ijoowwan dubbii qabannu of eeggannoo
gochuu qabna. Sababni isaas; yeroo tokko tokko
eenyutu dirqama mirkaneessuu qaba kan jedhu haala
itti ijoowwan kun qabaman irraa ifuu waan danda’uuf.
Maddi ijoowwan dubbii maal fa’i? kwt 248
Ijoowwan dogoggoraan qabaman haquuf ykn fooyyessuuf manni
murtii aangoo qabaa? (kwt 251)
Firiiwwan dubbii deebii barreeffamaa keessatti haalamanii, afaaniin
(s/d/f/s 241) wayita qulqullaa’utti amanaman, ykn barreeffamaan
amanamanii afaaniin haalaman haala kamiin qajeelchuu qabna?
Haqa jal’isuu?
57. Kan Itti Fufe …
S/d/f/s kwt 243 jalatti immoo manni murtii, adeemsa
keessa, sanada tokko ykn dhimma kamirrattiyyuu
gareewwan jecha amantaa isaanii akka kennaniif gaafachuu
akka danda’u ibsa. Sanada ni qulqulleeffataa qabatamaatti?
Abukaatonni garee lachuu firiiwwan dubbii himannaa ykn
deebii keessatti kaasan wayita ijoowwan dubbii qabaman
dhiisuu (waive) gochuu danda’uu?
Ijoowwan dubbii kun kan qabaman guyyaa dhagaha duraati.
Guyyaa dhagaha duraa ‘first hearing’ jechuun maal
jechuudha kan jedhuuf seerri deemsaa deebii hin kennine.
“It is the day on which the court applies its mind and
goes into the pleadings of the parties in order to
understand their contention.” Mulla
91. Kan Itti Fufe …
Keewwata xiqqaa lama jalatti, manni murtii itti qajeelfame ijoowwan
dubbii qajeelfameef irratti ragaa dhagahee, ragaa, sababootafi
argannoowwan isaa waliin mana murtii qajeelcheefii turetti deebisa.
Keewwatni itti aanu (344) immoo gareewwan guyyaa mana murtii
oliyyannootiin murtaa’e keessatti argannoowwan ol deebi’an irratti
mormii qaban ibsachuu akka danda’anifi guyyaan murtaa’e kun erga
dhumee booda murtii kan kennu ta’uu tuma.
Asirratti rakkoon qabatamaan jiru maalif haala seera
kanaatiin hin hojjetamne kan jedhudha. (Dhaddacha
Ijibbaataa MMWF fi Naannoo dabalatee hojmaanni akkasii
hin jiru) Maalif? Vs Deddeebisuu, qabatamatti hambisee?
Kana malees, ijoowwan dubbii nuti qabnee qajeelchinu murtii
fudhatama qabu kennisiisuu danda’uufi dhabuun isaa hin madaalamu.
92. Kan Itti Fufe …
Rakkoo inni biroon, mana murtii jalaatti wayita qajeelfamu
abbootiin dhimmaa murtii erga diigsisanii booda mana murtii
jalaatti dhiyaachuu dhabuu? (Sababa manni murtii oliyyannoo
dhagahu guyyaa mana murtii jalaatti dhagahamu ilaalchisee
hin murteessineef) Manni Murtii oliyyannoo dhagahu ajandaa
mana murtii jalaa osoo hin beekin guyyaa kaa’uu ni
danda’aa?
Dabalataan, darbee darbee, yeroo itti manni murtii
ol’aanaa qajeelfamaan mana murtii aanaatti gadi deebisee,
osoo galmeen sun hin socho’in gareen biroo immoo
dhimmuma sanaan MMWO oliyyatee diigsisus ni jira.
93. 7.Rakkoowwan Qabatamaa Abbummaa
Mirkaneessuu, Ilmummaa mormuu ykn Haaluun
Wal Qabatan
Qajeeltoowwan Sirnichaa
Note: Ascertainment of paternity does not
necessarily guarantee the biological father, but legal
father. Why?
Kanaafis qajeeltoowwan sadiitu jira:
Abbummaa tilmaama seeraa (kwt 142-147)
Abbummaa fedhiin(kwt 148-159)-if z first fails?
Abbummaa murtiin beekamu (kwt 160-162)-In case the
first and second fails to ascertain who the father is, or
disowned?
Abbummaa murtiin beekamu ilaalchisee SHH kwt 758
jalatti butiifi gudeeddii qofatti daangessee ture.
94. Kan Itti Fufe …
Rakkoon gara caalu kan mul’atu abbummaa murtiin
beekamu irratti yoo ta’u keessattuu:
SMO kwt 160(d); w/qunnamtii seera qabeessaan
ala yeroo ulfaatti qunnamtii saalaa itti fufiinsa
qabu rchu
SMO kwt 160(e); kunuunsa/guddisa irratti
hirmaachuu
Kwt 147-irregular union keessatti tokkuma-
presume
Dhalachuu gama abbaatiin jiru mormuun kan danda’amu himata haaluu
dhiyeessuudhaan qofa ta’a. kwt 184-only one way of contestation.
Abbaadha namni jedhame “ani abbaa miti” jechuun kan mormuu danda’u
himannaa gosa eerame kanaan qofadha.
111. 8.Rakkoowwan Haala Itti Ragaan Barreeffamaa
Mana Murtiitti Dhiyaachuu Qabuun Wal Qabatan
Bu’uura s/d/f/s kwt 223tiin barreeffamoonniifi ibsi
himannaa waliin wal qabatanii dhiyaatu (gooree ragaa)
Kutaan kun kophaatti kan dhiyaatuu dha.
Mata duree mataa ofii qaba; Guyyaa, Mallattoo fi jecha
mirkaneessa ni qaba.
Kutaa kana jalatti; maqaa guutuufi teessoon ragaa namaa
akkasumas kaayyoo isaan waamamaniif ibsamuu qabu.
Barreeffamoota ragaa naaf ta’a jedhan, yoo harka isaa hin
jiraanne immoo bakka inni jiruufi eenyu harka akka jiru
ibsuun
Tarreeffama dhiyaateen ala kan biroo kan hin qabne ta’uu
mirkaneessuun dhiyeessuu qaba.
112. Kan Itti Fufe …
Sanada himannichaaf bu’uura ta’e oriijinaala isaa ykn
garagalcha mirkanaa’e,
Ragaa namaa ykn sanada dhiyeessu hin qabu taanaanis
kanuma mirkaneessuu qaba.
Himannaa ykn deebii waliin namoonni hin dhiyeessine sana
booda dhiyeessuu hin danda’an jechuudhaa?
Manni murtii akka dhiyeessuuf gaafachuun ni danda’amaa?
Yoom?
S/d/f/s kwt 137 jalatti ragaan barreeffamaa yoom akka dhiyaatu
tumee jira.
Gareewwan falmii (abukaatoon isaanii) ragaa harka isaanii jiru, ykn
kan dhiyeessuu danda’an ykn falmii keenyaaf nu fayyada jedhanii kan
itti amanan ykn manni murtii akka dhiyaatu kan ajajeefi dursee kan
hin dhiyaanne, ragaa barreeffamaa hundayyuu guyyaa dhagaha
duraatti dhiyeessuu qabu.
113. Kan Itti Fufe …
Ragaa barreeffamaa kana manni murtii kan fuudhu
barreeffama baay’inaafi tarreeffama isaa ibsu waliinidha.
Inni kun ragaa mataa isaa danda’ee ibsa waliin dhiyaatudha
malee dhiyaatee qaxxaamuraan himannaa waliin kan wal
qabatu miti.
Bu’uura s/d/f/s kwt 223tiin ragaan wal qabsiiseen ala kan
biroo hin qabu jedhee mirkaneesseera yoo ta’ehoo? Maalif
jette? Amma maalif fidde jedhamuu qabaa? (leave of court
is required here-gap)
Kwt 137(3) jalatti namni kamiyyuu himannaa ykn deebii
isaa waliin, guyyaa dhagahaan dura ykn guyyuma dhagahaa
ragaa barreeffamaa isaa yoo hin dhiyeeffanne, sana booda
dhiyeeffachuu hin danda’u. (Harsh!?)
114. Kan Itti Fufe …
Keewwatni kun yeroo jedhame booda fuudhamuu hin qabu
kan jedheef dhimmi akka lafarra hin harkifanneefidha.
Haalli addaa kwt 256 jalatti kan ibsamedha. Kunis; guyyaa
kanatti sababa gahaadhaan kan hin dhiyaatin hafe ta’uun
yoo hubatame beellamni kennamuu kan danda’u ta’uu
agarsiisa.
"The court has power to receive any document at a
later stage if the genuineness of a document is
beyond doubt and it is relevant or material to decide
the real issue in controversy” Mulla
It is a well settled principle of law that where a civil
proceeding as well as criminal proceeding is pending,
the latter should be given primacy.
115. Kan Itti Fufe …
“The court may adopt a liberal approach and late
production, normally allowed, is attended to with costs
and further opportunity is given to the other side to
adduce further evidence, if necessary.” Mulla
Akka M P JAIN jedhutti immoo; Biyya Hindiitti himataan
sanada harka isaa (to’annoo isaa jala) jiruun wal qabatee
himannaa yoo dhiyeesse, garagalcha sanada isaa himannaa
waliin wal qabsiisee mana murtii harkaan gahuu qaba.
Sanada harka isaa hin jirre ilaalchisee maalif akka
dhiyeessine, dhiyeessuuf yaalii taasise ykn fuulduratti
dhiyeessuuf maal gochuu akka qabu ilaalchisee gooree
ragaa isaa himannaan wal qabate keessatti ibsuu qaba.
Sanadni sana booda dhiyaatu hayyama mana murtiitiin yoo
ta’e malee fudhatama hin qabu.
116. Kan Itti Fufe …
Guyyaa Dhagahaa dhiyaachuu kan danda’u
oriijinaala isaa qofadha. (dursee garagalcha galche
yoo ta’e)-kunis fooyya’eeti.
Haala kanaan, seerri deemsaa keenya sadarkaa
dhagahaatti kan dhiyaachuu qabu oriijinaala qofadha
waan hin jenneef, guyyaa dhagahaan booda hin
fudhatamu jedha malee guyyaa himannaa ykn deebii
ykn guyyaa dhagahaan dura yoo hin dhiyaanne ta’e
fudhatama hin qabu waan hin jenneef, orijinaalaafi
garagalchas jedhee adda baasee waan hin keenyeef
tumaaleen kun tumaalee mirga bu’uuraa sarbanidha
jechuun hin danda’amu.